3 Phawuloos, «Maarre cuuphaa attamii fudhattane ree?» jedhe.
8 Phawuloos gara Mana Waaqonfannaa Yihudootaa seenee, sodaa malee haga ji'a sadii kolbaa woliin dubbatee, marroo mootummaa Waaqaa isaan hubachiisaa ture. 9 Isaan keessaa gariin ammoo mataa jabaatanee, marroo karaa Gootta'aa nama duratti waan hantuu jedhaa, dhugeeffatiisa didane. Maarre Phawuloos isaan lakkisee, dhugeeffattoota qofitti fuudhee, guyyuma guyya'aan mana barumsa Xiraanosii keessatti woliin dudubbataa ture. 10 Tun haga woggaa lamaa waan teeteef, kolbaan biyya Asiya'aa keessa jirtu duudiin Yihudootaa fi worri Yihudoota hin te'in Jecha Gootta'aa dhage'ane.
15 Ayyaanni hamaan ammoo, «Ani Yesuus hin beeka; Phawuloosille hin beeka; isin ammoo eennu?» isaaniin jedhe.
16 Namichi ayyaanni hamaan qabeeru isaanitti utaalee, isaan duudii injifate; isaanille mammadowanee woyaan irraa tarsaateertuun mana sanii baqatane. 17 Yihudootaa fi worri Yihudoota hin te'in ka Efesoon keessa jiranu duudiin, waan kana dhage'anee sodaatane; maqaan Goottaa Yesuusiille ulfinna guddaa dhaggate. 18 Dhugeeffattoota keessaa worri hedduun dhufanee, cubbuu ifii mudhi'itti himatane. 19 Worri Xanoo huju hedduun kitaabota ifii wolitti qabanee, kolbaa duratti gubane. Gatiin kitaabota sanii hedaan gara meetii kuma shantamaa hin geya. 20 Karaa hunnaamessa kanaan dubbiin Gootta'aa badhataa, guddataa deente.
23 Yennaa san qachaa Efesoonii keessatti sababa karaa Gootta'aatiif hogaan guddaan ka'e. 24 Namichi meetii baqisiisuu ka maqaan isaa Demeexroos jedhamu tokko, fakkii waaqota galma Arxemiisii hujee, worra meetii baqisiisuuf bu'aa guddaa galchaa ture. 25 Maarre inni worra meetii baqisiisuu fi worra akkuma isaanii hujulle wolitti qabee, «Jarana, nuuti karra ka dhaggannu hujii tanaan akka teete hin beettan. 26 Namichi Phawuloos jedhamu kun Efesoon keessa calla'atti adoo hin te'in, lafa Asiya'aa duudii keessatti, waaqi harkaan hujamu ijjumaa waaqaa moti jedhaa, kolbaa hedduu sossobee akka dhugeeffachiise, isinuu dhaggitanee dhageettaneertan. 27 Akka kanaan hujiin teenna hin tuffatanti; tana qofa adoo hin te'in galmi Arxemiisii waaqittii gudditti'ii ka Asiya'aa fi biyyi lafaa duudiin waaqonfattu gatii dhabee hafaara; guddinni isi'iille badaara» isaaniin jedhe.
28 Isaan yennaa tana dhage'ane guddoo aaranee, «Arxemiisiin worra Efesoonii gudditti'i!» jedhaa iyyane. 29 Yoosuma hogaan qachaa duudii keessatti ka'e. Worri hogisu jara lamaan Maqedooniya'aa worra Phawuloos woliin deemaa ture Gaayosii fi Arisxaarkos qabanee harkisanee, gara addee tapha itti mudhisanu rukkisane. 30 Phawuloos gumii dura bayee dhaabbatiisaaf barbaadee, dhugeeffattooti ammoo isa dhooggite. 31 Bulchitooti lafa Asiya'aa gariin ka lansa Phawuloosii te'ane, akka inni addee tapha itti mudhisanuu hin dhandhe, itti erganee kadhatane. 32 Gumii wodhakka'atti hogaan guddaan waan jiruuf, tokko waan tokko jedhaa yoo hogisu, kuun waan dhibii jedhaa hogisaaraayyu; hedduun isaaniille maaf akka wolitti qabamane hin beekanuuyyu. 33 Yihudooti gariin namicha Iskindir jedhamu kolbaa duratti darbanee baasane; kolbaa keessaa gariin akka inni isaaniif falmatu itti himane. Iskindirille akka kolbaan cadhittu harka ifiitiin beessisee, dubbii falmataa dubbatiisaaf qophowe. 34 Isaan ammoo akka inni Yihudii te'e yennaa beekane, «Arxemiisiin Efesoonii gudditti'ii» jedhaa isaan martinuu haga saatii lama iyyane.
35 Barreessaan qachaa sanii gumii cadhisiisee, «Worra Efesoonii! Worri qachaa Efesoonii galma Arxemiisii gudditti'iitii fi fakkii dhakaa isi'ii ka ol-gubba'aa bu'e akka eeganu, nami hin beenne jiraa? 36 Waan kana nami mormu tokkolle waan hin jirreef, cadhisa'a malee waan tokkolle godhiisaaf hin jajjarina'a. 37 Isin adoo jarri tun meya galmaa hin saamin yookiin waaqota keennalle adoo hin faanshessin as fiddaneertan. 38 Demeexroosii fi worri meetii baqisiisu ka isa woliin jiru, waan ittiin nama himatanu yoo qabaatane, guyyaan mura'aa jira; worri muraa kennulle jira; achitti wol falmanuu ti. 39 Tana malee, wonni isin barbaaddanu yoo jiraatte ammoo, kora mura'aa ka qacha'aatiin ilaallama. 40 Waan adha te'e kanaaf, hogaa kaattaneertan jedhannee himatamuu hin dhannu; hogaan kun sababa maaniitiin ka'e jedhane yoo nu gaafatane, waan deebinnu hin qannu» jedhe. 41 Tana dubbateen duuba, wol geyin akka deentu godhe.
<- Hujii Ergantootaa 18Hujii Ergantootaa 20 ->
Languages