3 Naataanille mootichaan, «Mootiin Waan Maraa si woliin waan jiruuf waan yaadde mara godhi» jedhe. 4 Galgaluma san jechi Mootii Waan Maraa gara Naataanii dhufee, 5 «Dhaqiitii, tajaajilaa kiyya Daawitiin Mootiin Waan Maraa, ‹Mana ani keessa le'u ka anaaf ijaaru si'ii moti. 6 Ani kolbaa Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa haga baasee jalqabee haga adhaa dunkaanuma keessa jiraataa, asii fi achi deemaa ture malee mana keessa hin leene. 7 Israa'eloota mara woliin addee deeme maratti kolbaa tiyya Israa'el akka tissanuuf sooressitoota ajaje keessaa tokkolleen: Muka hindheensaatiin mana naaf maaf hin ijaarre? Jedhee beekaa?› jedhi.
8 «Ati ammalle tajaajilaa kiyya Daawitiin, ‹Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade: Ati kolbaa tiyya Israa'el akka bulchituuf, addee horii itti tiffatanu, hoolee tissiisatti jirtuun si fuudhe; 9 ani addee ati dhaxxe mara si woliin jiraadhee, diinota keeti si duraa balleesseera; amma akkuma worra gugurdaa maqaan isaanii lafa irratti beekkamee, maqaan keetiille akka beekkamu hin godha. 10 Kolbaan tiyya Israa'el addee ifii akka qabaatanuu fi haganaa achii akka hin sarbanne[a], addee le'anu isaaniif hin kenna; haganaa achi kolbaan hamooleen akka qaraa isaan hin cunqursitu. 11 Abbootii mura'aa isaaniif haga muudeen jalqabanee kolbaan hamooleen akka isaan irratti godhaa turane, haganaa achi isaan irratti hin godhanu; ani diinota keeti mara irraa si hin foorfachiisa. Ani Mootiin Waan Maraatuu mana si'iif hin ijaara. 12 Barri keeti geyee, duutee, abbootii teeti biratti yennaa awwaalantu, sanyii teeti keessaa ilma keeti tokkocha addee teetitti mootii hin godha; mootummaa isaalle hin jabeessa. 13 Maqaa kiyyaaf nami mana ijaaru isa; anille barcumaa mootummaa isaa haga bara baraa isaaf hin jabeessa. 14 Ani abbaa isaaf hin te'a; innille ilma kiyya hin te'a; yoo inni balleesse ammoo ulee nami adabamuun isa hin adaba; akkuma ijoolleen liche'een dikantu isa hin dika. 15 Garuu Saa'olii si duraa kaase irraa jaalala kiyya ka bara baraa akkuma kaase, isa irraa hin kaasu. 16 Manni keetii fi mootummaan teeti na duratti haga bara baraa jabaattee hin dhaabbatti; barcumaan mootummaa teetiille haga bara baraa jabaatee hin dhaabbata jedha› jedhi» jedhe.
17 Naataan jecha mudhii tanaa mara Daawititti hime.
25 «Ammalle ee, Mootii Waan Maraa Waaqa, marroo tajaajilaa keetiitii fi sanyii isaatiif waadaa galte haga bara baraa jabeessi; akkuma dubbatte muummessiif. 26 Achiin duuba, maqaan keetille haga bara baraa guddaa hin te'a; namootille, ‹Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade, Waaqa Israa'elii ti› hin jedhan; sanyiin tajaajilaa keeti Daawitiille si duratti jabaattee hin dhaabbatti. 27 Ee, Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadde, Waaqa Israa'elii, ‹Ani si'iif mana hin ijaara› jettee tana tajaajilaa keetitti mudhitteerta; maarre ani tajaajilaan keeti daadimata kana gara keeti dhikeeffatiisaaf sitti guuleera.
28 «Ee, Goottaa Mootii Waan maraa, ati Waaqa! Jechi keetille addatama'a; waan dansaa kana godhiisaaf tajaajilaa keetiif waadaa galteerta. 29 Akka si duratti haga bara baraa jabaatee le'u, maganne'e sanyii tajaajilaa keetii ammalle eebbisi! Ee, Goottaa Mootii Waan Maraa, tana atuu waan dubbatteef, eebba keetiin sanyiin tajaajilaa keetii haga bara baraa hin eebbifanti» jedhe.
<- 2 Saamu'elii 62 Saamu'elii 8 ->- a Hin sarbanne: Sarbama jechuun raafama yookiin jeeqama jechu'u
Languages