8 Guyyaa san Daawiti, «Nami Yibusoota worra balla'aa fi naafa, diinota Daawitii injifatiisaaf barbaadu, xurree bisaan yaa'u ta lafa jalaatiin dabaruu ti» jedhe; kanaaf, «Balla'aa fi naafi mana mootumma'aa hin seenanu» jedhamane.
9 Daawiti kushee Xiyoonii qabate san keessa le'ee, «Qachaa Daawitii» jedhee moggaase; inni kaabii, «Miiloo» jedhantuun kaasee itti naannessee gara keessaatitti kushee qacha'aa jabeessee ijaare. 10 Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u isa woliin waan jiruuf, Daawiti ittuma jabaataa deeme.
11 Mootiin Xiiroosii Hiiraam namoota ifii muka hindheensa, worra muka bocuu fi worra dhakaa bocu woliin gara Daawitii erge; isaanille Daawitiif mana mootumma'aa ijaarane. 12 Daawitille akka Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii irratti mootii isa godhee fi sababa kolbaa ifii Israa'eliitiif jedhee mootummaa isaalle akka guddise beeke.
13 Daawiti qachaa kebrooniitii ka'ee gara Yerusaalemii deemeen duuba, achitti gursumeeyyi'ii fi niitota dhibii dabalee fuudhee, ilmaanii fi durri dhibiin isaaf dhalatane. 14 Maqaan ilmaan isaa ka Yerusaalem keessatti isaaf dhalatane: Shaamuwaa, Shobaab, Naataan, Solomoon, 15 Yiibhaar, Eliishuwaa, Nefeg, Yaafii'aa, 16 Eliishaamaa, Eliyaada'aa fi Eliifelex fa'a.
20 Maarre Daawiti gara Ba'aal-Pheraaziimii dhaqee, achitti Filisxeemota lolee injifate. Inni, «Akkuma lolaan bisaanii jabaan ededa caccassu, Mootiin Waan Maraa diinota kiyya fuula kiyya duratti bittinneesse» jedhee, maqaa addee sanii, «Ba'aal-Pheraaziim[a]» jedhe. 21 Worri Filisxeemotaa waaqota ifii achitti lakkisanee waan baqataneef, Daawitii fi namooti isaa waaqota isaanii san fudhatane.
22 Filisxeemoti ammalle dhufanee dhooqa Refaa'iimii keessa bittinnowanee addee qabatane. 23 Maarre Daawiti Mootii Waan Maraa gaafate; Mootiin Waan Maraalle deebisee, «Gara duubaatiin marsiitii mukoota harru'uu duratti isaan loli malee, fuula duraan itti hin dhaqin. 24 Qaccee mukoota harru'uu gubba'atti hirba duulaa yennaa dhageette, ani Mootiin Waan Maraa loltoota Filisxeemotaa loliisaaf si'iin dura waan bayeef, ariiti'iin gara duraa deemi» jedhe. 25 Maarre Daawiti akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje godhee, worra Filisxeemotaa Giibe'onii haga Gezerii ari'e.
<- 2 Saamu'elii 42 Saamu'elii 6 ->- a Ba'aal-Pheraaziim: Afaan Ibrootaatiin Mootiin Waan Maraa caccassuu ti jechu'u.
Languages