4 Namooti Giibe'onii deebisanee isaan, «Nuuti Saa'olii fi maatii Saa'olii irraa meetii yookiin worqii fudhatiisa yookiin Israa'eloota keessaa eennulle ijjeesiisaaf mirga hin qannu» jedhane.
5 Isaan deebisanee mootichaan, «Saa'ol nu mara balleessee, biyya Israa'elii keessatti addee akka hin qabaanne mala nu irratti dhoweeraayyu, 6 maarre sanyii isaa keessaa ilmaan dhiiraa torba harka keennatti dabarsii kenni; nuutille biyya Saa'olii ka Mootiin Waan Maraa filate keessatti, Mootii Waan Maraa duratti isaan ijjeennee hin fanninna» jedhane.
7 Te'uu malee Daawitii fi ilmi Saa'olii Yonaataan maqaa Mootii Waan Maraatiin woliif waan kakataneef, mootichi Daawiti akaakoo Saa'olii ilma Yonaataanii Mefii-Bosheet du'a irraa hambure. 8 Mootichi ammoo ilmaan lamaan Armonii fi Mefii-Bodheet ta intalti Ayyaa Riizphaan Saa'oliif deette, ilmaan dhiiraa shan ta intalti Saa'olii Meraab, ilma Baarzilaayii Meholaatichaa Adrii'eliif deettelle fuudhee, 9 harka worra Giibe'oniititti dabarsee kenne; isaanille isaan ijjeesanee kooba irratti Mootii Waan Maraa duratti fannisane; isaan torbaanuu yennuma tokko du'ane; isaan ji'a birra'aa yennaa garbuun haamamuu jalqabu ijjeefamane.
10 Intalti Ayyaa Riizphaan woyaa gaddaa fuutee, addee reeffi worra ijjeefame jiru bira rassaa irratti afatte; yennaa haammaa midhaaniitii jalqaddee haga bokkeenni ol-gubba'aa reeffa ilmaan isi'ii irratti roobutti achi turte; isiin guyyaa allaatiin, halkan bineensi reeffa isaanii akka hin geenne dhooggite.
11 Intalti Ayyaa Riizphaan gursumeettiin Saa'olii waan goote kana yennaa Daawititti himane, 12 inni dhaqee lafee Saa'oliitii fi lafee ilma isaa Yonaataanii worra Yaabesh-Giil'aadii irraa fuudhe; worri Filisxeemotaa kooba Giilbo'aa irratti Saa'ol ijjeesaneen duuba addee isaan reeffa isaanii fannisane, badhinna Bet-Shaanii keessaa worri Yaabeshii lafee isaanii dhossa'aan fudhataneeraniiyyu. 13 Daawitille lafee Saa'oliitii fi lafee ilma isaa Yonaataanii achii fide; lafee ilmaan Saa'olii torbaa ka worra ijjeefamanee fannifamane saniille wolitti qabane. 14 Lafee Saa'oliitii fi lafee Yonaataanii ilma isaa, biyya Beniyaamii addee, «Zelaa» jedhantutti addee awwaala Qiishii abbaa Saa'olii keessatti awwaalane; isaan waan mootichi ajaje mara godhane; achiin duuba Mootiin Waan Maraa daadimata kolbaan marroo lafaatiif daadimatte dhage'e.
18 Achiin duuba addee, «Gob» jedhantutti Filisxeemota woliin lolli dhibiin ka'e; yennaa san Siibekaayiin Hushaatichi nama sanyii Refaa'otaa keessaa Saaf ijjeese.
19 Lola dhibii Gob keessatti ka'een Filisxeemota woliin wol lolane keessatti, ilmi Yaa'aree-Oreegiimii Betlihemichaa Elhaanaan, nama biyya Gaatii, Goliyaad ta somey eboo isaa akka muka worri woyaa dhowu woyaa itti maratuu qabateeru ijjeese.
20 Gaati keessatti ammalle lolli dhibiin ka'e; achi keessa nami guddaan ka harkaa fi miila tokko tokko irrattuu quba jaa, wolumatti quba diddamii afur qabu tokko jiraayyu; innille nama sanyii Refaa'otaa ti. 21 Namichi kun yennaa Israa'elootatti murgu, obboleessi Daawitii ilmi Shimi'aa Yonaataan isa ijjeese.
22 Worri ijjeefame kun arfanuu Gaati keessatti sanyii Refaa'otaa ti; isaanille Daawitii fi loltoota isaatiin ijjeefamane.
<- 2 Saamu'elii 202 Saamu'elii 22 ->
Languages