8 Jaalota tiyya, waan tokko hin dedhina'a! Goottaa biratti guyyaan tokko akka woggaa kumaa ti; woggaan kum akka guyyaa tokkoo ti. 9 Akka namooti gariin tura seyanutti Goottaan waan waadaa gale muummessiisaaf hin turu. Ammoo nami duudiin cubbuu irraa akka deebi'uuf malee, nami tokkolle akka badu waan hin barbaanneef, isiniif ossa.
10 Guyyaan Gootta'aa ammoo akka hattu'uu dedha dhufa; guyyaa san ol-gubbaan qoonqoo guddo'oon dhidhinti; dadi ol-gubba'aalle ibiddaan gubattee baddi; latti waan isii irra jiru duudii woliin hin baddi. 11 Wonni kun duudiin akka kanaan ta baddu yoo teete, isin attam le'iisaaf maltane ree? Isin woyyumma'aa fi Waaqaaf ifi kenniisaan le'iisa qaddan. 12 Yoona worra guyyaa dhufa Waaqaa dharra'aan eegattanuu fi worra akka inni ariifatee dhufu hujanu te'a'a. Gaafa ol-gubbaan ibiddaan gubattee baddu, dadi marti o'aan hin baxxi. 13 Nuuti ammoo akkuma inni waadaa nu'uuf galetti, ol-gubbaa haareya, addee hujiin balchumma'aa itti hundeefantu san hin eeganna.
14 Tanaaf jaalota tiyya! Waan kana adoo eegattanuu, fuula Waaqaa duratti worra xuri'ii fi komii hin qanne teetanee jirtanuun, akka nageyaan isin dhaggu jabaadha'aa le'a'a. 15 Ossiis Goottaa keennaalle akka isin fayyitanuuf akka te'e beeka'a! Akkasuma obboleessi keenna jaalatamaan Phawuloosille qaruu Waaqi isaaf kenneen tanuma isiniif barreesse. 16 Inni ergaa ifii duudii keessatti marroo dubbii tanaa akkuma kana barreesseera. Ergaa isaa keessatti wonni tokko tokko ka hubatiisaaf nama dhibu jira. Worri wollaala'aa fi afaan lama dubbatu akkuma Barreeffama Woyyicha dhibii dassee hiiku, waan kanalle daddassa. Maarre isaan badii ifi irratti fidan.
17 Isin ammoo, jaalota tiyya! Waan kana waan duruu beettanuuf dokonkora worra jalliye'eetiin harkifantanee ijjanoo teessan jadduu irraa akka hin banne, ifi eegadha'a. 18 Ammoo badhaadhaa fi beekkuma Gootta'aa fi Fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin ittuma guddadha'a. Ammaa fi haga bara baraa ulfinni isaaf te'u! Ameen.
<- 2 Ergaa Pheexroosii 2
Languages