4 Maarre dargaggeessi raagichi Raamoot-Giili'aad dhaqe. 5 Yennaa inni achi geye, ajajjooti loltootaa wolitti qabamanee tee'anuun dhaggee, «Ajaja'a! Ani ergaa sitti himu qaba» jedhe.
6 Achiin duuba Yehuun ka'ee mana seene. Raagichi dargaggeessi zayitii ejersaa mataa Yehu'uu irratti naqee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii: ‹Kolbaa Mootii Waan Maraa Israa'elii irratti mootii akka teetuuf ani si muudeera. 7 Ani dhiiga tajaajiltoota tiyya raagotaatii fi dhiiga tajaajiltoota tiyya maraa, Iizaabel irratti haluu akka bayu, ati maatii goottaa keeti Ahaabii hin balleessita. 8 Maatiin Ahaabii marti hin baddi; maatii isaa dhiira ka te'e, garba yookiin garba ka hin te'in mara Israa'el keessaa hin balleessa. 9 Maatii Ahaabii akka maatii Yerobi'aamii ilma Nebaatii, akka maatii Baa'ishaa ilma Ahiiya'aa hin godha. 10 Lafa Yizre'eliititti sareeleen Iizaabel hin nyaatti; nami tokkolle isii hin awwaalu› jedha» jedhee, raagichi dargaggeessi balbala banatee baqate.
11 Yennaa Yehuun gara ajajjoota loltoota goottaa ifii deebi'ee gad baye, isaan keessaa tokkochi, «Wonni marti nageyaa? Namichi maraataan kun maaf gara keeti dhufe?» jedhee gaafate.
12 Isaan deebisanee, «Nutti himi malee, tun dhuga'aa moti» jedhane.
13 Achiin duuba isaan marti woyaa ifi irraa baafatanee, yaabbannoo Yehuun irra deemu irratti afaneefii, tultullaa afuufaa, qoonqoo ol qabatanee, «Yehuun mooti'i» jedhane.
17 Eeddichi xelleephoo dalleya Yizre'elii irra jiru, loltooti Yehu'uu dhufaaranuun dhaggee, qoonqoo ol qabatee, «Loltoota dhufiisatti jiranu takka dhagge!» jedhe.
19 Achiin duuba mootichi abbaa fardaa dhibii itti erge; innille gara isaanii dhaqee, «Mootichi, ‹Nageyaafuu dhufaartanii?› isiniin jedha» jedheen. Yehuun deebisee, «Ati Nageya irraa maan qadda? Gara duubaa tariitii na hordofi» jedhe.
20 Eedichi xelleephoo irra jiru sun, «Ergantichi isaan bira geyeera; ammoo deebi'ee dhufiisatti hin jiru; sooressaan loltoota sanii akka nama maraatee garreettaa fardaan harkifamu waan oofuuf, oofiis isaa oofiisa Yehuu ilma Niimshii fakkaata» jedhee mootichatti hime.
21 Mootichi Yoraam, «Garreettaa kiyya ka fardaan harkifamu naaf qopheessa'a» jedhee ajaje; isaanille qopheessanee, innii fi mootichi Yihuda'aa Ahaaz qofi qofitti garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra tee'anee, gara Yehuu dhaqanee, fichaa Naabotii Yezire'elichaa keessatti isa dhaggane. 22 Yoraam yennaa Yehuu dhagge, «Yehuu! Nageyaafuu dhuttee?» jedhee gaafate.
23 Yoraam Ahaaziyaa waamee, «Ahaaziya'a! Tun maltumma'a!» jedhee garagalee dheete. 24 Yehuun guubee ifii hunnaan harkisee daaya ceekuu Yoraamii lamaan wodhakka'atti gad lakkisee, onnee isaa woraane; Yoraamille garreettaa ifii ka fardaan harkifamu keessatti jige. 25 Yehuun qarqaarticha ifii Biidkaariin, «Reeffa isaa fuudhiitii fichaa Naabotii Yizre'elichaa keessatti gati. Anii fi ati garreettaa fardaan harkifamu yaabbannee, abbaa isaa Ahaab duubaan deemiisatti jirruun, Mootiin Waan Maraa marroo isaatiif raaga dubbate san qaabadhu. 26 Mootiin Waan Maraa, ‹Ani kalee dhangala'iisa dhiiga Naabotiitii fi dhiiga ilmaan isaa dhaggeera; ani dhugumaan fichuma kana keessatti akka ati haluu baatu hin godha› jedha; tanaaf akka Jecha Mootii Waan Maraatitti, reeffa Yoraamii fuudhiitii fichaa Naabotii keessatti gati» jedhe.
27 Mootichi Yihuda'aa Ahaaziyaan waan te'e kana duudii yennaa dhagge, garreettaa ifii ka fardaan harkifamu yaabbatee, karaa gara qachaa Bet-haaganii geessu baqate. Yehuun isa ari'ee, «Isalle ijjeesa'a» jedhee ajaje. Isaanille qachaa Yible'aamii biratti karaa tarba Guuriititti garreettaa isaa ka fardaan harkifamu keessatti isa madeessane. Inni ammoo gara qachaa Megidoo baqatee, achitti du'e. 28 Tajaajiltooti isaa reeffa isaa garreettaa fardaan harkifamuun gara Yerusaalemii geessitee, qachaa Daawitii keessatti addee awwaala abbootii isaatitti isa awwaalte.
29 Ilmi Ahaabii Yoraam mootii Israa'elii te'ee, woggaa kudhanii tokkeesso'ootitti, Ahaaziyaan mootii Yihuda'aa te'e.
32 Yehuun gara fodda'aa ol ilaalee, «Nami naa golu eennuu? Eennu ree?» jedhe; yoos guneessoti lama yookiin sad gara isaa gad ilaalane. 33 Yehuulle isaaniin, «Gad isii darba'a!» jedhe. Yennaa isaan gad isii darbane, dhiigi isi'ii gariin dalleya dhaka'aatii fi fardoo irratti faca'e; Yehuun fardoo isii irra oofee, fardoon irra sirbite. 34 Inni gara manaa seenee nyaatee unne; achiin duuba inni, «Dubartittiin abaarantuun tun, intala mootichaa waan teeteef, fuudha'aatii awwaala'a» jedhe. 35 Isaan yennaa isii awwaaliisaaf gad bayane ammoo, buqqii mataa isi'ii, miilaa fi ganaa harka isi'ii malee womaa hin dhaggine. 36 Yennaa isaan waan kana Yehu'utti himane inni, «Kun jecha Mootii Waan Maraa ka karaa tajaajilaa ifii Eliyaasii Tishibeetichaatiin, ‹Lafa Yizre'elii keessatti sareen foon Iizaabelii hin nyaatti. 37 Nami tokkolle: tun Iizaabel jechuu akka hin dandeennetti, reeffi isi'ii akka kosi'ii lafa Yizre'elii keessatti hin gatama› jedhee dubbate» jedhe.
<- 2 Moototaa 82 Moototaa 10 ->
Languages