7 Mootichi Israa'elii xalayaa yennaa dubbise, gaddaan woyaa ifii tarsaasee, «Ani Waaqaa? Ani ijjeesuu, deebisee kaasuu hin dande'aa? Namichi kun maaf akka ani dhukkuba goga'aa farrisiisaa irraa fayyisuuf nama kana gara kiyya erge? Akka inni dubbii na irratti barbaadu dhagga'a» jedhe.
8 Nami Waaqaa Elsaa'i, akka mootiin Israa'elii gaddee woyaa ifii tarsaase yennaa dhage'e, «Maaf woyaa teeti tarsaatte? Israa'el keessa raagaan akka jiru akka inni beeku, namicha gara kiyya ergi» jedhee itti dhaame.
9 Maarre Na'amaan fardo'oo fi garreettota ifii ka fardo'oon harkifamu irra te'ee dhaqee, balbala mana Elsaa'ii duratti dhaabbate. 10 Elsaa'ille ergaa itti ergee, «‹Dhaqiitii laga Yordaanosiititti yennaa torba dhiqadhu; foon keeti adde'etti hin deebi'a; atille hin qulqulloota› jedhii itti himi» jedheen. 11 Na'amaan ammoo aaree, «Dhugumaan inni gara kiyya gad bayee dhaabbatee, maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa ifii waamee, harka ifii dhukkuba goga'aa farrisiisaa kiyya irra wirsee, waan na fayyisu seye. 12 Lagi Damaasqo'oo Abaanaa fi Farphar, bisaan laga Israa'elii mara caalaa motii? Ani silaa isaan keessatti dhiqadhee hin qulqulloomuuyyu?» jedhee deebi'ee deeme.
13 Tajaajiltooti Na'amaanii gara isaa dhikaattee, «Abba'a, raagichi waan guddoo takka akka ati gootuuf adoo sitti himee jiraatee hin gootaayyuu motii? Amma ‹Dhiqadhuutii qulqullowi› yoo si'iin jedhe maanti si rakkise?» jedhane. 14 Maarre Na'amaan gara laga Yordaanosii gad bu'ee, akkuma nami Waaqaa isatti hime yennaa torba laga Yordaanosiititti ifi cuuphe; nafi isaalle adde'etti deebi'ee qulqullowee akka nafa ijoollee didiqqo'oo te'e.
15 Achiin duuba Na'amaan hordofattoota ifii mara woliin, gara Elsaa'ii nama Waaqaa deebi'ee, isa dura dhaabbatee, «Israa'el keessa malee, Waaqi dhibiin biyya lafaa mara keessa akka hin jirre ani beekeera; maganne'e amma ana tajaajilaa keeti irraa kennansa kana fudhadhu» jedhe.
16 Elsaa'i deebisee, «Dhugaa Mootii Waan Maraa jiraataa ani tajaajiluu; ani waan tokkolle hin fudhadhu» jedhe.
19 Elsaa'i, Na'amaaniin, «Nageyaan deem» jedhe.
22 Gehaaz deebisee, «Nageyuma, ammoo goottaa kiyyatti, ‹Raagota keessaa dargaggooti lama biyya koobittii Efreemiitii, gara kiyya waan dhufaneef, maganne'e meetii gara kiiloogiraama soddomii afuriitii[c] fi woyaa guutuu ta jijjiirataa lama isaaniif kenni› jedhee na erge» jedheen.
23 Na'amaan, «Maganne'e, meetii gara kiiloogiraama jaatamii saddeetii fudhadhu» jedhe. Inni isa uttisee meetii gara kiiloogiraama jaatamii saddeetii[d] subba lama keessa keyee hidhee, woyaa guutuu ta jijjiirataa lama woliin, tajaajiltoota ifii keessaa nama lamatti kenne; isaanille ba'atanee Gehaaziin dura deemane. 24 Kooba Elsaa'i le'u yennaa geyane, Gehaaz meya ba'atane tajaajiltoota irraa fuudhee, mana keessa keye. Achiin duuba tajaajiltoota Na'amaanii gad lakkise; isaanille deemane. 25 Gehaaz gara manaa seenee, goottaa ifii Elsaa'i dura dhaabbate. Elsaa'ille, «Gehaaz! Haga ammaa eessa jirta?» jedhee isa gaafate.
26 Elsaa'i ammoo, «Namichi si qophatiisaaf garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irraa yennaa baye, ani ayyaanaan si woliin hin jiruuyyuu? Yennaan tun yennaa beesee, woyaa, fichaa muka ejersaatii fi fichaa muka woyni'ii, hoole'ee fi horii, yookiin tajaajiltoota dhiiraatii fi durraa fudhatanuu ree? 27 Tanaaf, dhukkubi goga'aa farrisiisaan Na'amaanii haga bara baraa si'ii fi sanyii teetitti hin dabara» jedhe.
Languages