1 Mootichi Hisqiyaas tana yennaa dhage'e, gaddee woyaa ifii tarsaase; woyaa gaddaalle uffatee gara Galma seene. 2 Inni itti gaafatamaa mana mootumma'aa Eliyaaqim, barreessaa mana mootumma'aa Shebna'aa fi hayyootaa keessaa worri jaarsolee te'ane, woyaa gaddaa uffatanee, gara Isaayaasii raagicha ilma Amosii akka dhaqanu erge. 3 Isaan Isaayaasiin, «Mootichi Hisqiyaas, ‹Barri kun bara rakkinnaa, bara adabbi'iitii fi bara salphinnaa ti; akka dubartii deyiisa geettee hunna ittiin ciniinsifattee deettu dhadduu ti. 4 Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti dubbii ajajaan loltootaa Rabshaaqeen goottaan isaa mootiin Asoorii isa ergee, Waaqa jiraata'atti akka inni murgu godhe tana mara dhage'ee, isa hin adaba fa te'aa, nu worra diqqaa lubbu'uun hanneef daadimadhu› jedha» jedhane.
5 Tajaajiltooti Hisqiyaasii mootichaa gara Isaayaasii yennaa dhufane, 6 inni isaaniin, «Mootiin Waan Maraa, ‹Dubbii tajaajiltooti mootii Asoorii, na faanshessite waan dhageetteef hin sodaatin. 7 Kunoo, ani ayyaana akka inni oduu dhage'ee, gara biyya ifii deebi'u isa godhu, isaaf hin kenna; achitti shallaaga'aan akka inni du'u hin godha› jedheera, jedha'aatii goottaa keessanitti hima'a» jedhe.
8 Mootiin Asoorii qachaa Laakiishii lakkisee akka deeme, ajajaan loltoota Asoorii dhage'ee yennaa deebi'e, inni qachaa Liibna'aa loliisatti jiruun dhagge. 9 Mootiin Gibxi'ii Tiirhaaqaan nami biyya Itoophiya'aa[a] akka isa loliisaaf dhufaaru, Senaaheriib yennaa dhage'e, Hisqiyaasii mooticha Yihuda'aatitti namoota ergee, 10 «Waaqi ati itti addattu sun, ‹Yerusaalem harka mootii Asooriititti, dabarfantee hin kennantu› jedhee si hin sobin. 11 Kunoo, ati waan moototi Asoorii biyyoota mara godhane, akka isaan ijjumaa isaan balleessane dhageetteerta; ati hin baata seetaa? 12 Waaqoti gosa biyya adda addaa, ka abbootiin tiyya ta durii balleessite, waaqoti qachoota Gozaanii, Kaaraaniitii fi Rezeefii, waaqoti kolbaa Edenii ta Tel-Asaar keessa leetuu, isaan baasaneeranii ree? 13 Moototi qachoota Haamaatii, Arphaadii, Sefarwaayimii, Henaatii fi Iiwaa meet ree?» jedhe.
14 Mootichi Hisqiyaas worra ergame irraa xalayaa fuudhee dubbise; achiin duuba gara Galma Mootii Waan Maraa dhaqee, xalayaa san Mootii Waan Maraa duratti diriirse. 15 Inni daadimatee, «Ee Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii, ka dada ol-gubba'aa ta koola qadduun[b] gubbaa barcumaa mootumma'aa irra teetteertu, Waaqi mootota biyya lafaa maraa si qofa; lafaa fi ol-gubbaa daddeerta. 16 Ee Mootii Waan Maraa, gurra keeti gara keenna deebifadhuu dhage'i; ila teetille banadhuutii ilaali; jecha Senaaheriib si Waaqa jiraataa arrassiisaaf erge dhage'i. 17 Ee Mootii Waan Maraa, moototi Asoorii gosa biyya adda addaatii fi lafa isaanii dhugumaan balleessaneeran; 18 waaqoti isaaniille, dhaka'aa fi muka irraa harka namaatiin bocamanee hujamane malee, waaqota waan hin te'iniif gubanee balleessane. 19 Ammalle, ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna, mootummaan lafaa marti, Mootiin Waan Maraa Waaqi si qofa akka te'e akka beekanuuf, harka mootii Asoorii jalaa nu baasi» jedhe.
20 Achiin duuba ilmi Amosii Isaayaas ergaa gara Hisqiyaasii ergee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii: Ani waan ati marroo Senaaheriibii mootii Asooriitiif gara kiyya daadimatte dhage'eera jedha. 21 Mootiin Waan Maraa marroo isaatiif:
29 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa,
35 Halkanuma san ergamaan Mootii Waan Maraa gara addee quttuma worra Asoorii dhaqee, namoota kuma dhibba tokkoo fi kuma saddeettamii shan ijjeese; boruyyaa ganama namooti yennaa ka'anu, nami marti du'eeruun dhaggane. 36 Achiin duuba mootiin Asoorii Senaaheriib, addee quttumaa san lakkisee, gara qachaa Nanawwe'ee deebi'ee achi le'e. 37 Gaafa tokko inni galma waaqa ifii keessa seenee, waaqa ifii ka «Nisroo» jedhamu waaqonfatiisatti adoo jiruu, ilmaan isaa Adraamelekii fi Shaarezer shallaaga'aan isa ijjeesanee, gara lafa Araaraatiititti baqatane; addee isaatitti ilmi isaa Esaar-hadon mootii te'e.
<- 2 Moototaa 182 Moototaa 20 ->
Languages