7 Kolbaan Israa'elii Mootii Waan Maraa Waaqa ifii ka biyya Gibxi'ii keessaa, harka mootii Gibxi'ii jalaa isaan baase waan yakkiteef, tun duudiin teete; isaan waaqota dhibiille waaqonfatanee, 8 aadaa kolbaa biyya adda addaa, ta Mootiin Waan Maraa Israa'eloota duraa ari'ee baase hordofanee, aadaa moototi Israa'elii hamooleen hujjelle hordofane. 9 Israa'elooti dhossa'aan Mootii Waan Maraa Waaqa ifii duratti waan sirrii hin te'in hujje. Isaan olloota didiqqaa ka xelleephoo fichaa eegatanu qabuutii kaasanee, haga qachaa guddaa dalleya dhaka'aa qabuutitti qachoota ifii mara keessatti, addee waaqonfanna'aa ijaarratane. 10 Isaan koobota maraa fi muka banqaaqaa mara jalatti, soodduu woyyitti'ii fi fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu dhaabane. 11 Isaan achitti akkuma kolbaan biyya adda addaa, ta Mootiin Waan Maraa Israa'eloota duraa ari'ee baase goote, addee waaqonfanna'aa mara irratti hixaana aarsane; isaan waan hantuu hujanee Mootii Waan Maraa aarsane. 12 Mootiin Waan Maraa, «Waaqota dharaa hin waaqonfatina'a» jedhulle, isaan waaqota dharaa waaqonfatane.
13 Mootiin Waan Maraa karaa raagotaatii fi worra mudhii dhagguutiin kolbaa Israa'eliitii fi Yihuda'aa, «Karaa hamaa keessan irraa deebi'a'a; ajajaa fi seerata kiyya ka ani abbootii teessan ta duriitiif kennee, karaa tajaajiltoota tiyya raagotaatiin isaanitti erge san eegadha'a» jedhee ifi eeggachiiseeraayyu. 14 Isaan ammoo, akkuma abbootii ifii ta durii mataa jabaatanee, Mootii Waan Maraa Waaqa ifii addatiisa didane malee, isa hin dhageenne. 15 Isaan seerata isaa, gondooroo isaa ta inni abbootii isaanii ta durii woliin gondooree fi waan inni isaan ifi eeggachiise tuffatane; waaqota dharaa ka gatii hin qanne hordofanee, isaanille ka gatii hin qanne te'ane; kolbaa biyya adda addaa ta adaala isaanii hordofanee, Mootiin Waan Maraa, «Akka isaan godhanu hin godhina'a» jedhee isaan ajajulle, isaan waan Mootiin Waan Maraa isaan dhoogge san godhane. 16 Isaan ajaja Mootii Waan Maraa Ka Waaqa ifii mara didanee, fakkii jabbi'ii ta worqii irraa hujante lamaa fi fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu hujatane; urjoota ol-gubba'aa mara waaqonfatanee, waaqa Ba'aaliille tajaajilane. 17 Ilmaan ifiitii fi ijoollee ifii ta durraa ibiddaan gubanee ciincaa dhikeessanee, moruu morsiifatane; Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujiisaaf dabarsane ifi kennanee, Mootii Waan Maraa aarsane. 18 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Israa'elootatti guddoo aaree, isaan ifi duraa fageessee, gosa Yihuda'aa qofa lakkise.
19 Kolbaan Yihuda'aalle aadaa kolbaa Israa'elii hordotte malee, ajaja Mootii Waan Maraa Ka Waaqa ifii hin eeganne. 20 Tanaaf Mootiin Waan Maraa sanyii Israa'elii mara jibbee, haga isaan isa duraa badanutti, harka worra isaan saamuutitti dabarsee kennee isaan adabe.
21 Mootiin Waan Maraa Israa'eloota maatii Daawitii irraa gargar yennaa baase, Israa'elooti ilma Nebaatii Yerobi'aam mootii godhatane. Yerobi'aam Israa'elooti akka Mootii Waan Maraa hin hordofanne dokonkorsee, cubbuu guddoo akka isaan hujanu godhe.
22-23 Mootiin Waan Maraa akkuma karaa tajaajiltoota ifii raagotaatiin dubbate haga isaan ifi duraa fageessetti, Kolbaan Israa'elii cubbuu Yerobi'aam huje san ittuma hujane malee irraa hin deebine. Maarre kolbaan Israa'elii lafa ifii irraa gara Asoorii booji'antee, haga adhaa achi jirti.
29 Gosi biyya adda addaa, qachoota keessa qubatane keessatti waaqota ifii hujatanee, galma addee waaqonfanna'aa jiru, ka worri Samaariya'aa ijaare keessa keyane. 30 Namooti Baabilonii waaqa dharaa ka «Suukoot-Benot» jedhamu, namooti Kutaa waaqa dharaa ka «Nergaal» jedhamu, namooti Haamaatii waaqa dharaa ka «Ashiimaa» jedhamu hujatane. 31 Namooti Awaa waaqota dharaa ka «Niibhaazii fi Tartak» jedhamanu hujatane; namooti Sefarwaayimii waaqota dharaa ka «Adraamelekii fi Anaamelek» jedhamanuuf ijoollee ifii gubanee ciincaa dhikeessane. 32 Isaan Mootii Waan Maraa waaqonfatane; te'uu malee hayyoota ciincaa addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaa tajaajiltulle filatane. 33 Maarre isaan Mootii Waan Maraa waaqonfatane; ammoo akkuma aadaa gosa biyya adda addaa ta hunnaan keessaa isaan fidanee, waaqota ifiille waaqonfatane.
34 Isaan haga adhalle aadaa durii ittuma jiran. Isaan Mootii Waan Maraa hin waaqonfanne yookiin seerata, sirna, seeraa fi ajaja inni sanyii Yaaqoobii ta «Israa'el» jedhee moggaaseef kennelle hin eeganne. 35 Mootiin Waan Maraa yennaa Israa'eloota woliin gondooroo gondoore, «Waaqota dhibii hin waaqonfatina'a; isaaniif hin sagadina'a; isaan hin tajaajilina'a yookiin ciincaa isaaniif hin dhikeessina'a. 36 Ammoo ana Mootii Waan Maraa ka hunna guddo'oo fi irree jaddu'uun biyya Gibxi'ii keessaa isin baase waaqonfadha'a; naaf sagada'a; ciincaalle naaf dhikeessa'a. 37 Seerata, sirna, seeraa fi ajaja ani barreessee isiniif kenne, yennaa mara eegadha'a; waaqota dhibii hin hordofina'a; 38 gondooroo ani isin woliin gondoore hin dedhina'a; waaqota dhibii hin waaqonfatina'a; 39 Ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan waaqonfadha'a; harka diinota keessan maraa jalaa ka isin baasu ana» jedheera. 40 Te'uu malee isaan aadaa ifii ta durii san ittuma hujane malee, isa hin dhageenne.
41 Maarre gosi biyya adda addaa tun Mootii Waan Maraa waaqonfatte; waaqota dharaa ka ifiille tajaajilane; haga adhaalle ijoolleen isaaniitii fi ijoolleen ijoollee isaanii akkuma abbootii isaanii ta durii goote godhane.
<- 2 Moototaa 162 Moototaa 18 ->
Languages