1 Yerobi'aam Israa'el irratti mootii te'ee, woggaa diddamii torbeesso'ootitti, ilmi Amaasiya'aa Azaariyaan Yihudaa irratti mootii te'e. 2 Inni yennaa mootii te'e, nama woggaa kudhanii jaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa shantamii lama bulche; maqaan haadha isaa Yekoliya'a; isiin nama qachaa Yerusaalemii ti. 3 Inni akkuma abbaa ifii Amaasiya'aa Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje. 4 Te'uu malee, addeen waaqonfanna'aa waan hin diigaminiif, kolbaan addee waaqonfanna'aa sanitti ciincaa dhikeessiisaa fi hixaana aarsiisa hin lakkinne. 5 Mootiin Waan Maraa dhukkuba goga'aa farrisiisaa mooticha Azaariya'atti buuse; inni haga guyyaa du'a ifii dhukkuba san irraa hin fayyine; qofii ifii mana adda te'e keessa le'e; ilmi mootichaa Yotaam mana mootumma'aa irratti itti gaafatamaa te'ee, kolbaa lafa sanii bulche.
6 Wonni dhibiin ta mootichi Azaariyaan huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. 7 Azaariyaan du'ee, qachaa Daawitii keessatti abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Yotaam mootii te'e.
11 Wonni dhibiin ta mootichi Zakaariyaas huje duudiin kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
12 Maarre jechi Mootiin Waan Maraa, «Sanyiin teeti haga dhaloota arfeesso'ootitti Israa'el irratti mootii hin teeti» jedhee Yehu'utti dubbatte muummowe.
14 Ilmi Gaadii Menaahem, Tiizaa irraa Samaariyaa dhaqee, ilma Yaabeshii Shaalum ijjeesee, addee isaatitti mootii te'e. 15 Wonni dhibiin ta Shaalum huje duudiin, malli inni dhowelle, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. 16 Yennaa san worri qachaa Tiifsaa karra qacha'aa banuu waan dideef, Menaahem qachaa Tiirza'aatii ka'ee, qachaa Tiifsaa, namoota achi keessa jiranuu fi lafa adaala sanii mara lole; inni isaan injifatee, dubartoota ulfa qaddu duudiille gadhaa isi'ii baqasse.
21 Wonni dhibiin ta Menaahem huje kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. 22 Menaahem du'e; addee isaatitti ilmi isaa Pheqaayaan mootii te'e.
26 Wonni dhibiin ta Pheqaayaan huje duudiin kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
29 Bara Pheqaan Israa'el bulchaa ture, mootiin Asoorii Tiiglaat-Phileeser dhufee qachoota Iiyonii, Abeel Bet-Ma'aka'aa, Yaano'aa, Qedeeshii, Hazoorii, lafa Giil'aadii, Galiila'aatii fi Niftaalemii mara fudhatee, namoota booji'e gara Asoorii geesse.
30 Achiin duuba ilmi Uziya'aa Yotaam mootii Yihuda'aa te'ee, woggaa diddameesso'ootitti, ilmi Ela'aa Hose'aan, ilma Remaaliya'aa Pheqaa irratti mala dhowee isa ijjeesee, addee isaatitti mootii te'e. 31 Wonni dhibiin ta Pheqaan huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
32 Ilmi Remaaliya'aa Pheqaan mootii Israa'elii te'ee, woggaa lammeesso'ootitti, ilmi Azaariya'aa Yotaam mootii Yihudaa te'e. 33 Inni yennaa mootii te'e, nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, woggaa kudhanii jaa bulche; maqaan haadha isaa Yerusha'a; isiin intala Zaadoqii ti. 34 Yotaam akkuma abbaa ifii Azaariya'aa Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje. 35 Te'uu malee, addeen waaqonfanna'aa waan hin diigaminiif, kolbaan addee waaqonfanna'aa sanitti ciincaa dhikeessiisaa fi hixaana aarsiisa hin lakkinne. Yotaam karra Galma Mootii Waan Maraa ta gara olii ijaare.
36 Wonni dhibiin ta Yotaam huje duudiin, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. 37 Mootiin Waan Maraa bara san biyya Yihuda'aa irratti, mootii Sooriya'aa Resiinii fi ilma Remaaliya'aa Pheqaan kaasee itti erguu jalqabe. 38 Yotaam du'ee qachaa Daawitii abbaa ifii ka durii keessatti abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; addee isaatitti ilmi isaa Ahaaz mootii te'e.
<- 2 Moototaa 142 Moototaa 16 ->
Languages