8 Maarre quxiquxamiisa worri dhibiin kenniisaaf qabu keessaniin wol bira qabee ilaaliisaan, jaalaltiin teessan ta dhuga'aa akka teete mirkaneessiisaaf jedheeti malee, isin ajajiisaafii moti. 9 Isin badhaadha Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii hin beettan; inni dureessa adoo te'eeruu, hiyyummaa isaatiin akka isin dureeyyii teetanuuf isinii jedhee hiyyeessa ifi godhe.
10 Waan kana irratti gorsa isinii dansaa fakkaatee natti mudhate isiniif kenna: Bara engeddaa kenniisa qofaaf adoo hin te'in, waan kana godhiisaaf matooma isinitti barbaade. 11 Tanaaf quxiquxiin isin kenniisaaf qaddanu hujii irra ooltee akka muummottu, haguma qaddanutti waan yaaddane san godha'a. 12 Nami tokko kenniisaaf quxiquxama yoo qabaate, kennansi isaa fudhatama ka qabaatu, haga qabutti yoo kenne malee, haga hin qanne yoo kennee moti.
13 Kana jechuun kiyya ifii dhaddanee worra dhibii rakkoo keessaa akka baattanuuf adoo hin te'in, isin lamaanuu akka wol qixxoottanu. 14 Isin yennaa rakkattanu karri isaanii rakkoo teessaniif akka ooltu, karri teessan amma rakkoo isaaniitiif ooltuu ti. Akka kanaan isin wodhakka'atti wol qixxummaan hin jiraatti. 15 Kunille akkuma Barreeffami Woyyichi, «Ka guddaa wolitti qabate hagaan ol hin qabaanne, ka diqqoo wolitti qabatelle hagaan gad hin qabaanne» jedhu.
20 Kennansa arjoomaa ka wolitti qabame kana qabiisa irratti eennulle akka nu hin komanne ifi eeganna. 21 Yaad keenna waan sirrii te'e fuula Gootta'aa duratti callaa adoo hin te'in, fuulaa worra dhibi'ii durale'etti huju'u.
22 Yennaa hedduu karaa heddu'uun haga isa ilaallee, akka inni nama qarqaariisaaf quxiquxamaa te'e waan dhaggineef obboleessa keenna Tiitoos woliin ergineerra; addiin inni isinitti qabu guddoo waan iteeteef, amma hujii tana qarqaariisaaf ka durii caalaa inni quxiquxi jedheera. 23 Marroo Tiitoosii beekiisa yoo barbaachise, inni isin qarqaariisaaf waa'ela kiyya ka na woliin huju; isa woliin ka dhufanu marroo obboleeyyan dhibi'ii yoo teete, isaan bakka bu'oota wolde'oota kiristaanaa ka ulfinna Kiristoosiitiif dhaabbataneeranu. 24 Tanaaf akka wolde'ooti kiristaanaa jaalalli keessan ka dhuga'aa akka te'ee fi maaf akka nuuti isiniin ifi jajnu akka dhagganu, jaalala keessan isaanii mudhisa'a.
<- 2 Worra Qorontoosii 72 Worra Qorontoosii 9 ->
Languages