1 Nuuti Waaqa woliin ka hunyu waan teeneef, badhaadha Waaqaa ka fudhattane akkanumaan hin balleessina'a jennee isin kadhanna. 2 Waaqi,
3 Tajaajilli keenna akka hin tuffatanne, eennulle'eef gufuu hin teenu. 4 Addee akkasii waan goonu maraan akka tajaajiltoota Waaqaatitti rakkoo, farraa fi muddama ossiisaan ifi dhikeessina. 5 Akki ifi dhikeessinulle: dikamiisaan, hidhamiisaan, raafamiisaan, huji'iin dadhabiisaan, hirriiba dhabiisaa fi beelaan; 6 akkasuma qulqullumma'aan, beekkumsaan, ossaan, arjumma'aan, Ayyaana Woyyichaan sooreffamiisaa fi jaalala dhuga'aatiin, 7 jecha dhuga'aatii fi hunna Waaqaatiin. Hubiisaa fi ifi irraa dhooggatiisaafille, mey keenna ka woraanaa balchumma'a. 8 Nuuti ulfinnaa fi salphinnalle fudhanneerra; komatamiisaa fi leellifamiisalle fudhanneerra; dhugaameyyii adoo teeneerruu, dharaameyyii jedhanneerra; 9 ka beekkanne adoo teeneerruu, akka hin beekkamin teene; du'aneeran yoo jedhanu, jiru'uun jiraannee dhagganna; dikannulle hin ijjeefanne; 10 gaddi nu dhaqqabulle, yennaa mara hin gammanna; hiyyeeyyii adoo teeneerruu worra hedduu dureeyyii goona; womaa ka hin qanne adoo teeneerruu, waan maraa qanna.
11 Worra Qorontoos keessa leetanu! Nuuti ifa tolchinee isinitti dubbanneerra; gadhaa keennalle badhinnee isinii banneerra. 12 Isinumatti gadhaa nu irraa kutate malee, nuuti isin irraa hin kutanne. 13 Akkuma nuuti gadhaa isinii badhanne, isinille gadhaa nu'uuf badhadha'aa jedhee akka ijoollee tiyyaatitti isinitti dubbadha.
Languages