1 Ani deebi'ee isin gaddisiisu'uuf gara keessan akka hin dhunne murteeffadheera. 2 Ani yoo isin gaddisiiselle, isinuma worra ani gaddisiise malee, eentu na gammachiisa ree? 3 Ani gara keessan yennaa dhufu, worri na gammachiisu'uu male akka na hin gaddisiinneef jedhee, akka san isiniif barreesse. Sababille gammadi kiyya gammada keessan maraa akka te'e hin addadha. 4 Gadda gudda'aan, gadhaa laalatee fi imimmaan hedduu buusee wonni isiniif barreesse, akka ani guddoo isin jaaladhu akka beettanuuf malee, isin gaddisiisiisaafii moti.
14 Waaqa yennaa mara karaa Kiristoosiitiin injifattoota nu godhee, nu qajeelchuu fi beekkumsa marroo Kiristoosiitiif qannu akka uddowaa foolee dansaa qabuu, addee mara akka dhaqqassinnu nu godhuuf galanni te'uu ti. 15 Nuuti worra fayyuufille te'e, worra baduuf akka dakkara[b] foolee dansaa qadduu teenee, Kiristoosiin worra Waaqaaf dhikaateeru. 16 Nuuti, worra baduuf foolee gara du'aa geessitu; worra fayyuuf ammoo foolee gara jiru'uu geessitu. Yoona hujii akkasii tanaaf ka dandeettii qabu eennu? 17 Nuuti akka worra Waaqaan ergameetitti tajaajiltoota Kiristoosii teenee, fuula Waaqaa duratti gadhaa qullu'uun dubbanna malee, akka namoota hedduu Jecha Waaqaa bu'a'aaf daldalanuutii moti.
<- 2 Worra Qorontoosii 12 Worra Qorontoosii 3 ->
Languages