7 Isin waan ila duratti mudhatu qofa ilaaltan. Nami tokko ani ka Kiristoosii ti jedhee yoo ifi addate, nuutille akkuma isaatuu ka Kiristoosii te'uu kenna hubatuu ti. 8 Marroo baallii Goottaan nuu kenneetiif, yoo guddoo ifi jajelle itti hin fokkiffadhu; baalliin tun isin ijaariisaaf malee, isin diigiisaaf hin kennanne. 9 Ani xalayaa kiyyaan akka waan isin sodaachisiisatti jiruu akka yaaddanu hin fedhu. 10 Worri gariin, «Ergaan Phawuloosii jajjaddu'uu fi ulfaattu'u; inni ammoo yennaa nu biratti dhaggamu dadhaba'a; dubbiin isaalle goofa» jedhan fa'a teeti. 11 Worri akkasii waan nuuti fagoo jiraannee barreessinuu fi waan yennaa isin woliin jirru hunyu odduu garaa garummaan akka hin jirre hubatuu ti.
12 Nuuti worra ifi saadutti ifi laakkowu'uuf yookiin isaaniin wol biratti ifi qannee ilaaliisaaf ila hin jabaannu. Isaan ammoo ifiinuu ifi waan madaalanuu fi ifiinuu ifi wol biratti qabanee ifi waan ilaalanuuf gowwoole'e. 13 Nuuti ammoo haga isin bira geennulle'etti, meessaa tajaajila Waaqi nuu kenneen ifi jajaarra malee, haga irra tarree ifi hin jajnu. 14 Isinille meessaa tajaajila keennaa keessa waan jirtanuuf, nuuti Oduu Gammadaa ta Kiristoosii gara keessan finnee yennaa dhunne meessaa san hin tarre. 15 Tanaaf meessaa Waaqi nuu murteesse irra dabarree, hujii worra dhibi'iitiin haga malee ifi hin jajnu; addee akkasii dhugeeffannaan teessan akka guddattuu fi hujii teennalle haga meessaa Waaqi nuu murteesseetitti, odduu teessanitti irra caalaa akka babadhatu hin addanna. 16 Maarre meessaa tajaajila nama dhibi'ii keessa seennee, hujii tanaan qara hujanteen adoo ifi hin jajin, biyyoota isiniin gamaatille'etti Oduu Gammadaa lallabuu hin dandeenna.
17 Ammoo akkuma Barreeffam Woyyichi jedhutti, «Ka ifi jajuu Gootta'aan ifi jajuu ti». 18 Sababille nama Goottaan saadutti fudhatama qaba malee, nami ifi saadu fudhatama hin qabu.
<- 2 Worra Qorontoosii 92 Worra Qorontoosii 11 ->- a Mey woraanaa: Miyyi woraanaa
Languages