11 Solomoon, «Addeen Saanduqi Gondooro'oo jirtu woyyuu waan teeteef, haati manaa tiyya mana mootumma'aa ka Daawitii mootii Israa'elii keessa le'uu isii hin barbaachisu» jedhee, haadha manaa ifii intala mootii Gibxi'ii qachaa Daawitii keessaa gara mana mootumma'aa ka isi'iif ijaaree geesse.
12 Achiin duuba Solomoon kennansa gubamu addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa, ta soro'oon duratti ijaare irratti ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeesse. 13 Inni akkuma Muuseen ajajetti guyyaa guyya'atti, guyyaa Sanbataatitti, baatii ji'aatitti, jila wogga'atti yennaa sad jilifantutti, jila daabboo uukoo hin qanneetitti, jila torbaan torbaatii fi jila gose'eetitti ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeesse. 14 Inni seera abbaa ifii Daawitii hordofiisaan hayyoota hujii hujii isaaniititti, Lewwoota waan guyyaa guyya'aan barbaachisu hayyoota akka qarqaaranuuf, faaruulle'een leellisa akka dhikeessanu hujii hujii isaaniititti isaan ramade; inni ammalle akkuma nami Waaqaa Daawiti ajaje, worri karra eegu karra mara akka eeganu godhe. 15 Nami tokkolle waan mootichi marroo hayyootaatii fi Lewwootaa, akkasuma marroo mana qabeennaatii fi waan inni ajaje maraayyuu irraa hin gorre. 16 Guyyaa hundeen Galma Waaqaa keyantee jalqabee haga guyyaa ijaarsi dhumateetitti, hujiin Solomoonii marti teeteef. Maarre ijaarsi Galma Waaqaa hobba'e.
17 Achiin duuba Solomooniin mootichi gara qachaa Eziyon-Geberiitii fi qachaa Elootii ka biyya Edoomii keessa irga abbaaya'aa jiranuu dhaqe. 18 Hiiraamiin mootichi qondaaltota ifii keessaa harka worra hoboloo guddittii oofuu beekuutitti hoboloota gugurdo'oo fi namoota waan abbaaya'aa beekanu Solomooniif erge; jarri sun qondaaltota Solomoonii woliin lafa Ofiirii dhaqanee, worqii gara kiiloogiraama kuma kudhanii shanii ol Solomoonii mootichaaf fidane.
<- 2 Dabarsi'i 72 Dabarsi'i 9 ->
Languages