3 Yotaam karra Galma Mootii Waan Maraa ta ol aantu deebisee ijaare; inni dalleya dhaka'aa qachaa kooba Ofeeliille jabeessee ijaare. 4 Koobota Yihuda'aa irratti qachaa, koobota gongomaan bacaan jiru irralle'etti kushe'ee fi xelleephoo ijaare. 5 Inni mootii Amoonotaa lolee injifate; bara san worri Amoonotaa, meetii gara kiiloogiraama kuma sadii fi dhibba afurii, qamadii kuntaala kuma tokko, garbuu kuntaala kuma tokko Yotaamiif gibira kennane; woggaa lammeesso'ootii fi sadeesso'oolle'etti, akkasuma gabbarane. 6 Yotaam qajeelumma'aan Mootii Waan Maraa Waaqa ifii dura waan deddeebi'eef hunnaamesa te'e. 7 Wonni dhibiin ta mootichi Yotaam hujee fi lolli inni lole martinuu, kitaaba dabarsii mootota Israa'eliitii fi mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. 8 Inni yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa kudhanii jaa bulche. 9 Yotaam du'ee qachaa Daawitii keessatti, abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; ilmi isaa Ahaaz addee isaatitti mootii te'e.
<- 2 Dabarsi'i 262 Dabarsi'i 28 ->
Languages