4 Abbaan isaa du'een duuba, sanyiin Ahaabii karaa badi'ii waan isatti gorsaneef, akkuma sanyii Ahaabii innille Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje. 5 Inni gorsa isaanii fudhatee, ilma Ahaabii mootii Israa'elii Yehoraam woliin, mootii Sooriya'aa Hazaa'el loliisaaf gara Raamoot-Giili'aadii yennaa dhaqe, innille isa woliin dhaqe. Worri Sooriya'aalle achitti isa madeessane. 6 Inni mootii Sooriya'aa Hazaa'el woliin adoo wol lolanuu, madaa Raamaatitti isa madeessane san fayyiisaaf, Yizre'elitti deebi'e; achiin duuba ilmi Ahaabii Yehoraam waan madoweef, mootiin Yihuda'aa ilmi Yohoraamii Ahaaziyaan Yehoraam gaafatiisaaf gara Yizre'el gad dhaqe.
7 Ahaaziyaan Yoraam gaafatiisaaf dhaqiisa isaa, Waaqi du'a isaatiif sababa godhe; Ahaaziyaan yennaa achi geye, Yoraam woliin ilma Niimshii Yehuu ka Mootiin Waan Maraa akka inni sanyii Ahaabii balleessuuf muude bira dhaqe. 8 Yehuun maatii Ahaabii irratti muraa kenniisatti jiruun, worra Ahaaziyaa gula jiru qondaaltota Yihuda'aatii fi ilmaan obboleeyyan Ahaaziya'aa dhaggee isaan mara ijjeese. 9 Achiin duuba inni Ahaaziyaa barbaachisee, inni Samaariyaa keessatti dhokateeruun dhagganee qabanee, gara Yehu'uu fidanee ijjeesane; isaan, «Inni akaakoo Yoshaafaaxii ka gadhaa tokkochaan Mootii Waan Maraa tajaajilee ti» jedhanee awwaalane; eega san sanyii Ahaaziya'aa keessaa nami mootummaa qabatuu dande'u dhabame.
Languages