1 Mootiin Yihuda'aa Yoshaafaax nageyaan gara mana mootummaa ifii Yerusaalemitti deebi'e. 2 Ilmi Haanaanii Yehuun ka mudhii dhaggu Yoshaafaax fudhatiisaaf gad bayee, Yoshaafaaxii mootichaan, «Ati maaniif nama hamaa qarqaarte? Maaniif nama Mootii Waan Maraa jibbu jaalatte? Sababa kanaaf mufiin Mootii Waan Maraa sitti hin dhutti. 3 Te'uu malee, ati utuboota waaqa dharaa ta ‹Asheeraa› jedhantuu waan balleessiteef, qalbii takkatti'iin Waaqa waan barbaaddeef, wonni dansaan si keessa hin jirti» jedheen.
8 Yoshaafaax worra Lewwootaatii fi worra hayyootaa keessaa, sooreyyii maatii Israa'elii keessalle'ee nama garii maqaa Mootii Waan Maraatiin haajaa moroma'aa murteessiisaaf muraa akka kennanu Yerusaalem keessalle'etti file. Isaan Yerusaalem keessa le'ane. 9 Inni qajeelfama isaanii kennee, «Isin Mootii Waan Maraa sodaatiisaan, addatamumma'aan, gadhaa tokkochaan hujadha'a. 10 Obboleeyyan teessan worra qachaa keessa le'u keessaa haajaa marroo dhiiga dhangalaasiisaa, marroo seera yookiin ajaja diigiisaa, marroo seerata yookiin qajeelfama diigiisaa yennaa isinitti dhikeeffatanu mara akka isaan Mootii Waan Maraa duratti hin yakkine, isaan ifi eeggachiisa'a; yoo akkas hin te'in mufiin isinii fi obboleeyyan teessan irratti hin dhutti. Isin yoo tana gootane yakkaameyyii hin teetanu. 11 Kunoo, waan Mootii Waan Maraa duudii ilaalchisee Amaariyaan hayyichi sooressi, waan mootichaa mara ilaalchisee ilmi Ishimaa'elii Zabaadiyaan, sooressi gosa Yihuda'aa isin irratti abbootii mura'aa te'aneeran. Worri Lewwootaalle sooreyyii te'anee isin tajaajilan. Mootiin Waan Maraa worra waan dansaa hujatu woliin jiraatii, jajjabaadha'aatii huja'a» jedhe.
<- 2 Dabarsi'i 182 Dabarsi'i 20 ->
Languages