8 Aasaan raaga ilmi Odeedii Azaariyaan raage akkuma dhage'een jajjabaate; inni waaqota dharaa diqachiisaa lafa Yihuda'aa maraa fi lafa Beniyaaminii mara keessaa, qachoota biyya koobitti'ii ta Efreem qabate keessaalle'ee balleesse; addee ciinca'aa ta soroo Galma Mootii Waan Maraa dura jirtulle haaresse.
9 Mootiin Waan Maraa Waaqi Aasaa woliin akka jiru dhageettee, kolbaan bindillaan lafa Israa'elii mara keessaa gara isaa waan hiixxeef, inni namoota Yihuda'aa, namoota biyya Beniyaaminii, ka biyya Efreemiitii fi biyya Minaase'ee, ka kutaa biyya Shimi'oon keessaa dhufane mara wolitti qabe. 10 Isaan, Aasaan mootii te'ee woggaa kudhanii shaneesso'ootitti, woggaa san ji'a sadeesso'oo keessa Yerusaalemitti wolitti qabamane. 11 Boojuu guyyaa san fidane keessaa loon dhibba torba, hoolee kuma torba Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessane. 12 Isaan gadhaa tokkochaa fi qalbii takkatti'iin, Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii barbaadatiisaaf Gondooroo godhanee, 13 isaan keessaa nami diqqaan yookiin guddaan, dhiirti yookiin dubartiin ka Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii hin waaqonfanne akka ijjeefamu godhane. 14 Isaan tultulla'aa fi tultullaa gaafa hoole'ee afuufanee, qoonqoo ifii ol qabatanee ililleetti'iin Mootii Waan Maraatiif kakuu kakatane. 15 Namooti biyya Yihuda'aa marti gadhaa tokkochaan waan kakataneef, marroo kakuu saniitiif gammadaan firinxiixane. Isaan qalbii takkatti'iin Waaqa waan barbaadaneef, inni dhaggameef; karaa maralle'een isaan foorfachiise.
16 Aasaan mootichi akkoon isaa Ma'akaan, fakkii waaqa dharaa ta «Asheeraa» jedhantu, diqachiittuu waan hujjeef, inni giittummaa irraa isii buuse; fakkii isiin hujjelle caccassee, dhooqa Qedrooniititti gube. 17 Aasaan addee waaqonfanna'aa ta Israa'el keessaa duudi'iiyyuu diiguu dhabulle, bara jiruu ifii mara Mootii Waan Maraatiif ifi kenne. 18 Inni meya adda addaa, meeti'ii fi worqii ka abbaan isaatii fi inninuu Waaqaaf adda baasane fidee, Galma Waaqaa keessa keye. 19 Aasaan mootii te'ee haga woggaa soddomii shaneesso'ootitti lolli dhibiin hin kaane.
<- 2 Dabarsi'i 142 Dabarsi'i 16 ->
Languages