1 Worri waanjoo[a] garbumma'aa jala jiru maqaan Waaqaatii fi barsiisi keenna akka hin arraffanne, goottoti isaanii ulfinna guutuu akka dhaggatiisaaf malanetti laakkowanuu ti. 2 Garbooleen goottoti isaanii dhugeeffattoota te'ane, lamaanuu woliif Gootta'aan obboleeyyan waan te'aneef, goottota ifii tuffatiisa hin qabanu. Addee san, goottoti isaanii dhugeeffattootaa fi jaalota tajaajila isaanii irraa ka bu'aa dhaggatanu waan te'aneef, ta durii caalaa isaan tajaajilanuu ti. Tana barsiisii gorsi.
6 Dhugeeffannaan, nama waan qabuun dande'ee le'u biratti bu'aa guddaa qaddi. 7 Nuuti waan tokkolle finnee gara biyya lafaa hin dhunne; waan tokkolle isii keessaa fuunee deemiisa hin dandeennu. 8 Ammoo woya'aa fi sagalee yoo qabaanne sun nu hin geetti. 9 Worri durummaa barbaadu ataabe'etti jigee, tiyyoo gowwummaa heddu'uutii fi halchaa isaan miituutiin, ta isaan balleessituu fi dhidhinsituun qabaman. 10 Sababille beesee jaalatuun hidda hammeenna duudi'ii ti. Worri gariin durummaa dhaggatuu halchee, dhugeeffannaa irraa badee qalbii ifii gaddaan laalesseera.
17 Worri amma biyya lafaa tanatti dureeyyii te'ane akka hin koorre, yookiin addii isaanii karra hin addachiinne irratti adoo hin te'in, akka ittiin gammannuuf Waaqa waan duuchii fakkansee nu'uuf kennutti akka addii godhatanu isaan ajaji. 18 Hujii dansaa akka hujanu, akka hujii dansa'aan dureeyyii te'anu, akka arjoomanuu fi waan qabanu qoodiisaaf ka qophowane akka te'anu ajaji. 19 Karaa kanaan jiruu dhuga'aa dhaggatiisaaf karra hundeen isi'ii jadduu teete bara dhufuuf kuufatan.
20 Ximootewoos! Waan maganne'een sitti kenname jabeessi eegi. Dubbii midhaan hin qanne, ta waan dhuga'aatiin mormituu fi moromaa gowwittii ta worri gariin «Beekkuma» jedhu irraa fagaadhu. 21 Worri gariin beekkumsa kana qanna jedhaa, karaa dhugeeffanna'aa irraa badeera.
Languages