6 Amma ammoo Ximootewoos isin biraa deebi'ee, marroo dhugeeffanna'aa fi jaalala keessanii oduu nu gammachiittu fidee dhufeera. Akka isin yennaa maraa waan dansa'aan nu yaadattanuu fi akkuma nuuti isin dhaggiisaaf guddoo dharraanu, isinille akka nu dhaggiisaaf dharraatanu inni nutti hime.[b] 7 Tanaaf obboleeyyan tiyya, rakkoo fi farra keenna maraa keessatti, sababa dhugeeffannaa teessaniitiif isiniin jajjabaanneerra. 8 Sababille Gootta'aan jabaattanee yoo dhaabbattane, jiruun teenna haareffantee leeti. 9 Nuuti fuula Waaqa keennaa duratti, gammada marroo teessaniif nutti dhage'ameef Waaqa galateeffanna. 10 Nuuti ila teennaan isin dhaggiisaa fi waan dhugeeffannaa teessan irraa dhidhatte guutiisaaf halkanii fi guyyaa jabeessinee daadimanna.
11 Amma Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan Yesuus gara keessan akka dhunnu karaa nu'uuf qajeelchu! 12 Akkuma nuuti isin akka malee jaalannu, jaalaltiin isin wolii fi worra dhibii maraaf qaddanu ittuma dabalantee akka fakkantu Goottaan godhu. 13 Guyyaa Goottaan keenna Yesuus woyyoota ifii duudii woliin deebi'ee dhufutti, komii malee woyyumma'aan fuula Waaqa Abbaa keennaa dura akka jiraattanu inni isin jabeessu.
<- 1 Worra Tasalonqe'ee 21 Worra Tasalonqe'ee 4 ->
Languages