5 Daawitille deebisee, «Akkuma qara baratame haga baaneen jalqannee nuuti dubartoota bira geyiisa irraa ifi eeganneerra; yennaa ergaa akka aadaa dhugeeffanna'aatitti woyyuu hin te'in ergannuuyyuu dubartoota bira geyiisa irraa ifi hin eegannaayyu; adha fa'a irra caalaa attam dubartoota bira geyiisa irraa ifi hin eeganne ree?» jedhe.
6 Maarre daabboo Waaqa dura dhikaattu ta Mootii Waan Maraa duraa fuudhanee daabboo o'itu'uun bakka buusane san malee ta dhibiin waan hin jirreef, hayyichi xaltaa daabboo woyyitti'ii san fuudhee Daawitiif kenne.
7 Gaafa san tajaajiltoota Saa'olii keessaa ajajaan tissitootaa, nami biyya Edoomii Do'eeg fuula Mootii Waan Maraa dura akka turu godhamee achi jiraayyu.
8 Daawiti, «Haajaan mootichaa ariifachiisaa waan te'eef, ani shallaagaa yookiin meya lolaa kiyya hin fidanne; ati shallaagaa yookiin eboo ifi biraa hin qadduu?» jedhee Ahiimelek gaafate.
9 Hayyichille deebisee, «Shallaagaan Goliyaadii filisxeemichaa, ka ati dhooqa Elaa keessatti ijjeettee, kunoo woya'aan maramee woyaa hayyumma'aa ta qomaatiin duuba jira; isa san malee ka dhibiin as waan hin jirreef, yoo barbaadde isuma fudhadhu» jedhe.
12 Daawitille dubbii tana gadha'atti qabatee, mootii Gaatii Akiishi guddoo sodaate. 13 Maarre inni isaan duratti akka nama qalbii tuqamee te'e; yennaa isa qabanelle balbala karraa irratti tattaraaraa, gorora ifii areeda irra yaasaa akka nama maraatee te'e. 14 Achiin duuba Akiishi tajaajiltoota ifiitiin, «Kunoo, nami kun maraata'a; maaf gara kiyya fiddanne? 15 Ani maraataa dhabee jennaan, akka inni na duratti maraatuuf, nama kana gara kiyya fiddanee? Nami akkanaa mana kiyya dhufuu qabaa?» jedhe.
<- 1 Saamu'elii 201 Saamu'elii 22 ->
Languages