4 Worri ergame gara qachaa Giibe'aa addee Saa'ol jiru dhufee, oduu tana kolba'atti yennaa hime, kolbaan marti qoonqoo ol qabattee bootte. 5 Yennaa tana, Saa'ol qotiyyoota ifii oofataa ficha'aa dhufiisatti jiraayyu; inni, «Kolbaan tun maan teetee bootti» jedhee gaafate. Isaanille waan worri Yaabeshii jedhe isatti himane. 6 Saa'ol dubbii tana yennaa dhage'e Ayyaanni Waaqaa isa irratti bu'ee, inni guddoo aaree bobe'e. 7 Qotiyyoota ximmaadii tokko fuudhee qalee kukkutee foon san lafa Israa'elii maratti ergantootaan ergee, «Worra Saa'olii fi Saamu'el gula hin baane, qotiyyooti isaanii akkana hin kukkutanti» jedhe. Kolbaan marti Mootii Waan Maraa sodaattee nami tokkolle adoo hin hafin tokkumma'aan baate. 8 Saa'ol addee, «Bazeqi» jedhantutti yennaa isaan wolitti qabe, laakkossi isaanii, Israa'elooti nama kuma dhibba sad, Yihudooti nama kuma soddoma te'ane. 9 Isaan namoota ergamanee dhufane saniin, «Dhaqa'aatii, worra Yaabesh-Giil'aadiitiin, ‹Boru yennaa aduun o'itu bilisa hin baatan› jedha'aan» jedhane. Worri ergame sunille dhaqanee, worra Yaabeshiititti tana yennaa himane isaan gammadane. 10 Tanaaf, worri Yaabeshii, worra Amoonotaatiin, «Nuuti boru harka keenna isinitti hin kennanna; isinille waanuma feetane nu godha'a» jedhane.
11 Boruyyaa Saa'ol namoota addee saditti qoode; yennaa latti bariite addee quttuma Amoonotaa cassanee seenanee, haga aduun o'itu isaan ijjeesane; worri lubbu'uun hafanelle karaa karaa waan bittinnowaneef, isaan keessaa nami lamalle wol biratti hafuu hin dandeenne.
12 Achiin duuba kolbaan Saamu'eliin, «Worri, ‹Saa'ol nu bulchaa?› jedhe eennu fa'a? Namoota san akka ijjeennuuf gara keenna fidi» jedhane.
13 Saa'ol ammoo, «Guyyaan adhaa guyyaa Mootiin Waan Maraa Israa'eloota bilisa baase waan te'eef, adha nami tokkolle hin ijjeefamu» jedhe. 14 Achiin duuba Saamu'el kolba'aan, «Kowa'a, nu martinuu Giilgal dhandhee Saa'ol mootii keenna akka te'e itti deebinee mirkaneessina» jedhe. 15 Maarre kolbaan marti Giilgal dhaqanee Saa'ol mootii akka te'e Mootii Waan Maraa duratti mirkaneessane; isaan achitti kennansa tokkumma'aa Mootii Waan Maraa duratti dhikeessane; Saa'olii fi Israa'elooti marti gammadaan firinxiixane.
<- 1 Saamu'elii 101 Saamu'elii 12 ->
Languages