5 Akkasuma isin dargaggooti jaarsole'eef ajajama'a. Isin martinuu ifi gad qabiisa akka woya'aa uffadha'aatii wol tajaajila'a. Barreeffam Woyyichi, «Waaqi worra kooru hin morma; worra gad ifi qabuuf ammoo badhaadha hin kenna» jedha. 6 Maarre Waaqi yennaa ifii murteessetti akka isin ol qabu, harka Waaqa hunnaamessaa jalatti ifi gad qaba'a. 7 Waan Waaqi isiniif yaaduuf, waan isin yaachisu duudii isa irratti gata'a.
8 Gumeeffadha'a; dammaqa'a! Diinni keessan Seexanni, akka neenqa waan liqinsu barbaadee dhangaa dhowuu, adaala keessan garmaama. 9 Obboleeyyan teessan ta biyya lafaa duudii keessa jirtu, rakkoo akkasii akka fudhatu beeka'aatii, dhugeeffanna'atti jabaadha'aatii Seexana morma'a. 10 Yennaa diqqoo rakkattaneen duuba ammoo, Waaqi abbaan badhaadha duudi'ii, ka karaa Kiristoosiitiin ulfinna isaa ka bara baraa akka qoodantanuuf isin waame, inninuu akka duriititti isin deebisee, isin utubee, isin jabeessee hin hundeessa. 11 Hunni bara baraa haga bara baraa isaaf teetu! Ameen.
13 Wolde'i kiristaanaa ka biyya Baabilonii keessa jiru, ka akkuma keessan filame nageya isinii dhaama; ilmi kiyya Maarqoosille nageya isinii dhaama. 14 Jaalala kiristaanumma'aatiin wol sunqataa nageya wol fuudha'a.
Languages