4 Mootichi Israa'elii deebisee, «Ee, goottaa kiyya mooticha! Akkuma ati jette anii fi wonni ani qabu marti teeti» jedhe.
5 Worri ergame sun gara Ahaabii deebi'ee dhufee, «Mootichi Ben-Hadaad, ‹Ani meeti'ii fi worqii teeti, niitotaa fi ijoollee teeti akka naaf kennitu sitti ergeeraayyu. 6 Te'uu malee boru yennaa tanatti, mana mootumma'aa keetii fi mana qondaaltota teetii keessa barbaadanee, waan isaanitti tolu mara akka fidanu tajaajiltoota tiyya hin erga› jedha» jedhanee itti himane.
7 Mootiin Israa'elii Ahaab jaarsolee lafa sanii mara waamee, «Nami kun niitotaa fi ijoollee tiyya, meeti'ii fi worqii tiyya fudhatiisaaf namoota natti erginaan anille hin didanne; inni attam akka rakkinna fidiisaaf barbaadaaru dhagga'a» jedhe.
8 Jaarsole'ee fi kolbaan marti deebisanee, «Waan inni siin jedhu hin dhage'in yookiin isaaf hin eeyyamin» jedhaneen.
9 Maarre mootichi Ahaab namoota Ben-Hadaad biraa ergamanee dhufaneen, «Goottaa kiyya mootichaan, ‹Ani tajaajilaan keeti waan ati qara na gaafatte mara hin muummessa; gaaffii teeti ta lammeesso'oo tana ammoo hin muummessu jedheera› jedha'aatii hima'a» jedhe.
11 Mootichi Israa'elii Ahaabii deebisee, «Mooticha Ben-Haadaadiin, ‹Loltuun dhuga'aa lolee galee ifi jaja malee, adoo lola dhaqiisatti jiruu ifi hin jaju› jedha'aatii itti hima'a» jedhe. 12 Mootichi Ben-Hadaad, mootota dhibii woliin dunkaanii keessa tee'ee uniisatti adoo jiruu, ergaa Ahaab erge dhage'e; inni namoota ifii qachaa loliisaaf akka qopheeffatanu ajaje; isaanille loliisaaf qopheeffatane.
13 Yennuma san raagichi tokko gara Ahaabii mooticha Israa'elii dhufee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Loltoota Ben-Hadaadii bindillaa tana dhaggitaa? Kunoo, ani adha harka keetitti dabarsee isaan hin kenna; atille akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta› jedha» jedhe.
14 Mootichi Ahaab, «Eentu isaan injifata ree?» jedhee gaafate.
15 Maarre mootichi Ahaab qondaaltota dargaggoota ajajjoota kutaa biyyaa dhibba lamaa fi soddomii lama waame; achiin duuba loltoota Israa'elii kuma torba wolitti qabe.
16 Mootichi Ben-Hadaadii fi mootota soddomii lama worra isa woliin jiru woliin dunkaanii ifii keessatti unanee machowanee adoo jiranuu, saatii jaatti loltooti Israa'elii lolaaf bayane. 17 Qondaaltoti dargaggooti ajajjooti kutaa biyyaa sun dursitee baate; namooti Ben-Hadaad akka dooyanuuf erge, «Loltooti Samaariya'aa bayanee dhufiisatti jiran» jedhanee himane. 18 Ben-Hadaadille, «Dhufiis isaanii nageyaaf yookiin lolaaf yoo te'elle, lubbu'uun adoo jiranuu qaba'aa fida'a» jedhee ajaje.
19 Qondaaltoti dargaggooti ajajjooti kutaa biyyaa sun, loltoota Israa'elii sooressanee lolaaf bayanee, 20 tokko tokkoon isaaniituu diinaa isaanitti dhufe ijjeesane; worri Sooriya'aa baqate; Israa'elootille isaan ari'uu jalqabane; Ben-Hadaad ammoo farda ifii irraa tee'ee, abbootii fardo'oo gamisa woliin dheetee baye. 21 Mootichi Ahaab duulee fardo'oo fi garreettaa fardaan harkifamu booji'ee worra Sooriya'aa akka malee fixe. 22 Achiin duuba raagichi gara Ahaabii mooticha Israa'elii dhufee, «Mootichi Sooriya'aa furmaata dhufu deebi'ee waan si loluuf, loltoota teeti jabeeffadhu; maan akka godhuu qaddulle beeki» jedhe.
26 Tanaaf, furmaata itti aanu Ben-hadaad loltoota ifii wolitti qabatee, Israa'eloota loliisaaf gara qachaa Afeqii dhaqe. 27 Israa'elootille isaanitti duuliisaaf galaa fudhatanee, wolitti qabamanee bayanee, fuullee isaaniititti addee qabatane; loltooti Israa'elii loltoota Sooriya'aa ta biyya keessa guutteertu biratti, akka re'ee karra didiqqoo lamaa ti.
28 Raagichi tokko gara Ahaabii mooticha Israa'elii dhufee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Worri Sooriya'aa: Mootiin Waan Maraa waaqa koobotaa ti malee, waaqa dhooqotaatii moti waan naan jedhaneef ani loltoota isaanii bindillaa harka keetitti dabarsee hin kenna; atille akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beetta› jedha» jedheen.
29 Worri Sooriya'aatii fi Israa'elootaa fuula wolitti galanee qubatanee haga guyyaa torbaa turane; guyyaa torbeesso'oo lola jalqabane; guyyaa tokkotti Israa'elooti loltoota miilaa ta Sooriya'aa kuma dhibba tokko fixane. 30 Worri hafe gara qachaa Afeqii baqate; achitti dalleenni dhaka'aa ka qacha'aa isaan irratti jigee, namoota kuma diddamii torba fixe.
34 Ben-hadaad, Ahaabiin, «Qachoota abbaan kiyya abbaa keeti irraa fudhate, ani si'iif hin deebisa; akkuma abbaan kiyya qachaa Samaariya'aa keessatti godhe, atille qachaa Damaasqo'oo keessatti addee dikko'oo hin qabaatta» jedhe.
37 Achiin duuba raagichi gara nama dhibi'ii dhaqee, «Maganne'e, na dhowi» jedheen; nami sunille isa dhowee madeesse. 38 Achiin duuba raagichi sun eennummaa ifii dhoffatiisaaf, haga ilaatitti hagooggatee, irga kara'aa dhaabbattee, mooticha Israa'elii Ahaab eege. 39 Mootichi achiin dabariisatti adoo jiruu raagichi isa waamee, «Ani tajaajilaan keeti lola hamaa keessa adoo jiruu, nami tokko, nama booji'ame tokko gara kiyya fidee, ‹Namicha kana eegi! Yoo inni si harkaa miliqe, addee isaa ati hin ijjeefanta yookiin meetii kiiloogiraamii soddomii afur hin kaffalta› anaan jedhe. 40 Ani tajaajilaan keeti huji'iin adoo asii fi achi fajjifameeru namichi miliqe» jedhe.
41 Achiin duuba raagichi woyaa hagooggateeru ila ifii irraa ariifatee fudhate; mootichille akka inni raagota keessaa tokko te'e beeke. 42 Raagichi sun mootichaan, «Mootiin Waan Maraa, ‹Nama ani ijjeefamuu ti jedhe, waan gad lakkitteef, addee isaa ati hin ijjeefanta; addee kolbaa isaa kolbaan teeti hin ijjeefanti› jedha» jedhe.
43 Mootichi Israa'elii sun aaree bilinjaayee gara mana mootummaa ifii ka qachaa Samaariya'aa keessaa dhaqe.
<- 1 Moototaa 191 Moototaa 21 ->
Languages