4 Maarre haati manaa Yerobi'aamiille akkuma inni jedhe gootee, gara qachaa Shiilo'oo gara mana Ahiiya'aa dhaxxe. Ahiiyaan waan dulloomeeruuf ilti isaa dhaggiisa dadhaddeertiiyyu. 5 Mootiin Waan Maraa ammoo, «Kunoo, haati manaa Yerobi'aamii, ilmi isi'ii waan dhibameeruuf, marroo isaa si gaafatiisaaf dhufaarti. Ati, ‹Akkas, akkas› jedhiitii deebii isi'iif kenni.
12 Achiin duuba Ahiiyaan haadha manaa Yerobi'aamiitiin, «Ati gara mana keetii deebi'i; akkuma ati qachaa seenteen ilmi keeti hin du'a. 13 Israa'elooti marti isaaf bowanee, isa hin awwaalan; maatii Yerobi'aamii keessaa, nami Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii itti gammade, isa qofa waan te'eef, isa qofatti awwaala dansaa dhaggata. 14 Mootiin Waan Maraa mootii haareya Israa'el irratti mootii te'ee, adhuma maatii Yerobi'aamii ijjumaa balleessu hin mootonsa; Tun ammuma hin teeti. 15 Israa'elooti utubaa waaqa dharaa ta, ‹Asheeraa› jedhantuu hujanee, Mootii Waan Maraa waan aarsaneef, inni isaan adabee akka shonbooqqoo bisaan keessaa isaan hin raasa; lafa dansaa abbootii isaanii ta duriitiif kenne keessalle'ee isaan ari'ee, laga Efraaxiisiitiin gamatti isaan hin bittinneessa. 16 Yerobi'aam cubbuu hujee, kolbaan Israa'eliille cubbuu akka huju waan godheef, Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii hin lakkisa» jedhe.
17 Haati manaa Yerobi'aamii kaatee, gara qachaa Tiirza'aa deebite; akkuma isiin gulantaa balbalaa irra geetteen, ilmi isi'ii du'e. 18 Akkuma Mootiin Waan Maraa karaa tajaajilaa ifii raagicha Ahiiya'aatiin dubbate, Israa'elooti marti bowanee, isa awwaalane.
19 Wonni dhibiin ta mootichi Yerobi'aam huje, attam akka lolee fi akka bulche, kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. 20 Yerobi'aam mootii te'ee woggaa diddamii lama bulcheen duuba du'e; addee isaatitti ilmi isaa Naadaab mootii te'e.
22 Kolbaan Yihuda'aa Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu hujje; isaan cubbuu hujane saniin, abbootii ifii ta durii caalaa aarii Mootii Waan Maraa ta hinaaffa'aa kakkaasane. 23 Isaan koobota dhedheertuu mara irratti addee waaqonfanna'aa, soodduu akka woyyu'uutitti ilaalanu, utuboota waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu, gaaddisa muka banqaaqa'aa mara jalalle'etti hujatane. 24 Lafa san keessa galmi dhiirti keessatti wol bukkoonsituuyyuu jira. Isaan akkuma kolbaa gosa biyya adda addaa, ta Mootiin Waan Maraa Israa'eloota duraa ari'ee baasee, waan Mootii Waan Maraa diqachiisu[a] bacaa hujane.
25 Rehobiyaam mootii te'ee woggaa shaneesso'ootitti, mootichi biyya Gibxi'ii Shiishaaq qachaa Yerusaalemii lole. 26 Inni qabeenna Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootumma'aa keessa jiru mara, wontee mootichi Solomoon worqii irraa hujisiise maralle fudhate. 27 Maarre mootichi Rehobiyaam, addee wontee worqi'ii san, wontee sageettu'uu hujisiisee, ajajjoota eeddota seensuma dalleya mana mootumma'aa eeganutti kenne. 28 Yennaa mootichi gara Galma Waaqaa dhufu mara, eeddoti wontee san fudhatanee qabatan; achiin duuba wontee san, gara kolloo eeddotaatitti deebisan.
29 Wonni dhibiin ta mootichi Rehobiyaam huje marti, kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti. 30 Rehobiyaamii fi Yerobi'aam bara ifii mara wol lolaa turane. 31 Rehobiyaam du'ee, qachaa Daawitii keessatti addee awwaala abbootii ifiititti awwaalame; haati Rehobiyaamii «Na'aamaa» jedhanti; isiin nama biyya Amoonii ti. Ilmi isaa Abiiyaan addee isaatitti mootii te'e.
<- 1 Moototaa 131 Moototaa 15 ->- a Diqachiisu: Akka malee jibbisiisu jechu'u.
Languages