6 Ani isiniif eeyyamiisaaf malee, isin ajajiisaafii moti. 7 Nami duudiin akkuma kiyya adoo niitii fuudhuu dhabe hin fedhaayyu. Waaqi ammoo nama tokko tokkoofuu kennaa adda addaa kenneera. Tokkoof kennaa tokko, kaaniif kennaa dhibii kenneera.
8 Amma worri hin fuudhinii fi hin heerumin, akkasuma haadhotiin hiyyeessaa akka kiyya fuudhaa fi heeruma malee adoo jiraatane dansa'a. 9 Ifi qabatiisa[a] yoo dadhabane ammoo, addee halchaa fooniitiin gubatanu fuudhuu woyya.
10 Worra fuudheef ajaja kennu qaba; ajaji kunille ka Gootta'aa ti malee kiyyaa moti. Dubartiin heerumte dhirsa ifii irraa gargar hin bayin; 11 yoo baate ammoo, adoo hin heerumin qofuu leetuu ti; yookiin dhirsa ifii woliin araarantuu ti. Akkasuma dhirsille niitii ifii hin lakkisin.[b]
12 Worra dhibi'iin ammoo Goottaa adoo hin te'in, ani akkana jedha. Nami dhugeeffate tokko niitii hin dhugeeffatin yoo qabaatee isiin isa woliin le'iisa jaalatte, inni isii hin lakkisin. 13 Dubartiin dhugeeffatte takkalle dhirsa hin dhugeeffatin yoo qabaattee inni isii woliin le'iisa jaalate, isiin isa hin lakkisin. 14 Abbaan manaa ka hin dhugeeffatin karaa haadha manaa ta dhugeeffatteetiin Waaqaa biratti fudhatama qabaata; haati manaa ta hin dhugeeffatinille karaa abbaa manaa ka dhugeeffateetin Waaqa biratti fudhatama qabaatti. Yoo akkas te'uu dhadde, ijoolleen teessan nama Waaqaa te'uu hin dandeettu. Akka kana yoo leetane ammoo, ijoolleen teessan nama Waaqaa hin teeti. 15 Isin keessaa ka hin dhugeeffatin gargar bayiisa yoo fedhe bayuu ti. Dhirsi dhugeeffataa te'e yookiin niitiin dhugeeffattuu teete, haala akkasiitiin hin hidhamanu. Waaqi nageyaan akka leetanu isin waame. 16 Ati dubartii tana, dhirsa dhugeeffataa hin te'in keeti, takki fayyittuu beettaa? Atille namicha kana, niitii dhugeeffattuu hin te'in teeti, takki fayyittuu beettaa?
26 Yennaan amma keessa jirru rakkittuu waan iteeteef, nami akkuma jirutti adoo le'e dansaa natti fakkaatti. 27 Yoo niitii fuutee jiraatte isii lakkisiisaa hin barbaadin, Yoo fuutee hin jirre ammoo fuudhiisaa hin barbaadin. 28 Yoo fuute ammoo, cubbuu hujje jechuu kiyyaa moti; akkasuma durrittiin takka yoo heerumte cubbuu hujje jechuu kiyyaa moti. Te'uu malee worri fuudhuu fi heerumu biyya lafaa tana irratti rakkoo le'ii hedduu qabaatan; ani ammoo, rakkinna kana jalaa akka baatanuuf jedhee isin gorsa.
29 Obboleeyyan tiyya! Wonni ani isiniin jedhu barri gabaabbateera; yoona worri niitii qabu akka niitii hin qannee te'ee le'uu ti. 30 Worri gaddu akka hin gaddineetitti, worri gammadu akka hin gammanneetitti le'uu ti; worri meya bitatu akka womaa hin qannee te'uu ti. 31 Worri karra biyya lafaatitti fayyadamu akka womaa hin fayyadannee te'ee le'uu ti. Sababille biyyi lafaa tun hin tarti.
32 Ani akka isin yaaddoo malee leetanu fedha. Nami hin fuudhin waan ittiin Goottaa gammachiisu waan barbaaduuf, yaadi isaa hujii Gootta'aa irratti xiyyeeffata. 33 Nami fuudhe ammoo, niitii ifii gammachiisiisaa waan barbaaduuf, yaadi isaa waan biyya lafaatiif haajama. 34 Akka kanaan yaadi isaa addee lamatti qoodameera. Dubartiin hin heerumin yookiin durrittiin takka nafaa fi ayyaanaan woyyoontee ta Gootta'aa te'iisa waan barbaadduuf, yaadi isi'ii hujii Gootta'aatiif haajama; dubartiin heerumte ammoo, dhirsa ifii gammachiisiisaaf waan barbaadduuf waan biyya lafaatiif haajanti.
35 Ani akka isiniif toltuuf tana jedhe malee, isin hidhiisaaf moti. Isin waan sirrii te'ee fi waan male hujaa, gadhaa tokkoon tajaajila Gootta'aatiif akka ifi kennitanu fedha.
36 Nami tokko durra kadhateeru woliin wonni godhiisatti jiru sirrii yoo itti hin fakkaatin, ganni isi'iille dabariisa yoo geyee jiraate, woli fuudhiisi isaaniille yoo sirrii itti fakkaatte akkuma fedhe san yoo fuudhe cubbuu itti hin teetu. 37 Nami tokko ammoo, gadhaa kutatee, wonni isa dirqansiisu yoo hin jiraatin, halchaa ifiille toowatiisa dande'ee, durrittii kadhateeru san fuudhuu dhabiisaaf yoo murteeffate dansaa godhe. 38 Maarre nami fuudhu dansaa godha; ka hin fuune ammoo san caalaa dansaa godha.
39 Haati manaa haga abbaan manaa isi'ii lubbu'uun jiru seera fuudhaa fi heerumaatiin hidhanteerti; yoo dhirsi irraa du'e ammoo, nama ifii feete heerumiisaaf isiin bilisa. Teetuu malee nami isiin heerumtu sun dhugeeffataa te'uu qaba. 40 Akka yaada kiyyaatitti adoo hin heerumin yoo teette, irra caalaa gammadaan leeti. Anille Ayyaana Waaqaa qaba jedhee heda.
<- 1 Worra Qorontoosii 61 Worra Qorontoosii 8 ->
Languages