6 Tanaaf ifi jajuun keessan dansa'aa moti. Uukoon diqqoon bukoo guddoo akka bukeessitu hin beettanuu?[b] 7 Akkuma amma jirtanutti akka bukoo haareyaa ta uukoo ifi keessaa hin qannee akka teetanu, uukoo dullattii ifi keessaa gata'a. Hooleen Jila Irra Dabarama keennaa Kiristoos woreegameera. 8 Tanaaf Jila Irra Dabarama keennaa, uukoo dullattii ta cubbu'uu fi hammeenna qadduun adoo hin te'in, xaltaa qullumma'aatii fi dhuga'aatiin ka uukoo hin qanneen kowa'a ulfeessina.
9 Sagaagaltoota woliin tokkummaa hin qabaatina'a jedhee Xalayaa kanaan duraa keessatti ani isiniif barreesseera. 10 Akkas jechuun kiyya guutuma guutu'utti worra Waaqa malee le'anu sagaagaltoota, yookiin joljoltoota, yookiin hattoota, yookiin worra waaqota dharaa waaqonsanuun hin lansoomina'a jechu'uu moti. Adoo akkas teetee jiraatte biyya lafaa keessaa bawuu qaddaniiyyu. 11 Ani ammoo nama ifiin ani dhugeeffadheera jedhaa sagaagalu, yookiin joljolu, yookiin waaqota dharaa waaqonsu, yookiin maqaa namaa balleessu, yookiin machowu, yookiin hatuun hin lansoomina'a jedhee isinii barreesse. Nama akkanaa wolille'een hin nyaatina'a.
12 Worra tokkummaa wolde'a kiristaanaa keessa hin jiretti muriis hujii tiyyaa ree? Worra tokkummaa wolde'a kiristaanaa keessan keessa jirutti isin muruu hin dandeettanuu ree? 13 Worra ala jirutti ka muru Waaqa. Barreeffam Woyyichi, «Nama hamaa wodhakkaa teessaniin baasa'a» jedha.
<- 1 Worra Qorontoosii 41 Worra Qorontoosii 6 ->
Languages