5 Inni Apholoos eennu? Phawuloosille eennu? Nuuti akka Goottaan hujii ifii nutti kennetti, tajaajiltoota akka isin dhugeeffattanu goone. 6 Ani midhaan dhaabe, Apholoos bisaan obaase, ka guddise ammoo Waaqa. 7 Tanaaf Waaqa isa guddise malee, ka dhaabe yookiin ka bisaan obaase womaayyuu moti. 8 Ka dhaabee fi ka bisaan obaase wol qixa. Namuu akkuma hujii ifiititti gatii ifii fudhata. 9 Nuuti tajaajiltoota wolqabannee Waaqaaf hujaarru; isin ficha'aa fi ijaarsa Waaqaa ti.
10 Akka badhaadha Waaqi naa kennetti akka nama qaricha mana ijaaru tokkoo ani hundee hundeesse; ka dhibiin hundee ani hundeesse irratti ijaara. Ammoo nami tokko tokkooyyuu achi irratti attam akka ijaaru ifi eegatu qaba. 11 Hundee yennaa tokko hundootte malee, eennulle hundee dhibii hundeessiisa hin dande'u. Hundeen tunille Yesuus Kiristoos. 12 Nami hundee tana irratti worqi'iin, meeti'iin[a], dhakaa gatii guddo'ootiin, mukaan, buuyyo'oon yookiin huuraan ka ijaaru yoo jiraate, 13 guyyaan mura'aa ka hujiin nama tokko tokkootuu ifatti baatu hin dhufa; guyyaa san hujiin nama tokko tokkootuu ta attamii akka teete ibiddaan haga ilaalantee mudhatti. 14 Hujiin namichi mana ijaaru hundee san irratti huje, ibiddaan haga ilaallatantee adoo hin gubatin yoo hatte inni gatii ifii hin fudhata. 15 Namichi mana ijaaru ka hujiin isaa gubattee baddu ammoo gatii ifii hin dhaba; teetuu malee inni ifiif akka nama ibidda keessa taree hin gubatin hafuu hin fayya.
16 Isin galma Waaqaa akka teetanee fi Ayyaanni Waaqaa isin keessa akka jiru hin beettanuu? 17 Nami galma Waaqaa yoo diige, Waaqi isa hin diiga. Sababille galmi Waaqaa woyyicha, galmi kunille isinuma.
18 Eennulle ifi hin sobin. Nami isin keessaa akka yaada biyya lafaatitti qaroo ifi sewu yoo jiraate, dhugumaan qaroo te'iisaaf akka gowwa'aa ifi laakkowuu ti. 19 Qarummaan biyya lafa tanaa fuula Waaqaa duratti gowwumma'a. Kunille Barreeffam Woyyichi, «Waaqi qaroolee qarummaa isaaniitiinuu isaan qaba» jedha; 20 Barreeffam Woyyichi dhibiille, «Goottaan yaadi worra qaroolee ka woy hin baane akka te'e hin beeka» jedha. 21 Tanaaf wonni marti teessan waan teeteef eennulle namaan ifi hin jajin. 22 Maarre Phawuloosille teenaan, Apholoosille teenaan, Pheexroosille teenaan, biyya lafaalle teenaan, jireennalle teenaan, du'alle teenaan, waan ammaalle teenaan, waan hegeriille teenaan wonni duudiin keessan. 23 Isin ammoo ka Kiristoosii ti; Kiristoosille ka Waaqaa ti.
<- 1 Worra Qorontoosii 21 Worra Qorontoosii 4 ->- a Meeti'iin: Birrii sibiilaatiin
Languages