6 Barreessaan Lewwootaa ilmi Nataani'elii Shemaa'iyaan Lewwichi mootichaa fi qondaaltota, hayyicha Zaadoq, ilma Ahiimelekii Abiyaataar, sooreyyii hayyootaatii fi Lewwootaa duratti, maqaa maatii Ele'azaariitii fi maatii Itaamaarii badoo bado'oon akka hixaa isaaniititti barreesse.
7 Hixaan qaraa Yehoyaariibiif, ka lammeesso'oo Yedaa'iya'aaf, 8 ka sadeesso'oo Haariimiif, ka arfeesso'oo Se'oriimiif, 9 ka shaneesso'oo Malkiiyaaf, ka jayeesso'oo Miiyaamiiniif, 10 ka torbeesso'oo Haqoziif, ka saddeetesso'oo Abiiyaaf, 11 ka sagaleesso'oo Yeshu'aaf, ka kudhaneesso'oo Shekaaniya'aaf, 12 ka kudhanii tokkeesso'oo Eliyaashiibiif, ka kudhanii lammeesso'oo Yaaqiimiif, 13 ka kudhanii sadeesso'oo Huphaadhaaf, ka kudha arfeesso'oo Yeshebi'aabiif, 14 ka kudhanii shaneesso'oo Bilgaaf, ka kudhanii jayeesso'oo Iimeriif, 15 ka kudhanii torbeesso'oo Heziiriif, ka kudha saddeetesso'oo Haphiizeziif, 16 ka kudhanii sagaleesso'oo Phetaayaaf, ka diddameesso'oo Yihesqeliif, 17 ka diddamii tokkeesso'oo Yaakiiniif, ka diddamii lammeesso'oo Gaamuliif, 18 ka diddamii sadeesso'oo Delaayaaf, ka diddamii arfeesso'oo Ma'aaziyaaf bu'e.
19 Isaan kun akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii isa ajajetti, akka abbaan abbootii isaanii ta durii Aaron tarreessetti, yennaa Galma Mootii Waan Maraa keessa seenanu seerati hujii isaaniif kenname kana.
21 Sanyii Rehaabiya'aa keessaa angaficha Yishiiya'a. 22 Yizhaarota keessaa Shelomoot; sanyii Shelomootii keessaa Yaahaat.
23 Ilmaan Kebroonii: Sooressi Yeriiyaa, ka lammeesso'oo Amaariyaa, ka sadeesso'oo Yahaazi'el, ka arfeesso'oo Yeqaamii'aam. 24 Ilmi Uzii'elii Miika'a; ilmaan Miikaa keessaa Shaamiir.
25 Yishiiyaan obboleessa Miika'aa ti; ilmaan Yishiiyaa keessaa Zakaariyaas.
26 Ilmaan Meraarii Maahilii fi Mushi; Benoon ilma Ya'aziiyaa ti. 27 Sanyii Meraarii keessaa ilmaan Ya'aziiyaa: Shohaam, Zaakurii fi Ibri. 28 Maahil Ele'azaar uumate; Ele'azaar ilmaan hin uumanne. 29 Sanyii Qiishii keessaa, ilma Qiishii Yeraami'el. 30 Ilmaan Mushii: Maahil, Ederii fi Yeremoot; isaan kun sanyii Lewwootaa worra akka maatii maatii abbootii isaaniititti sooreyyii te'ane. 31 Isaanille akkuma fira ifii sanyii Aaronii addee mootichi Daawiti, Zaadoqii fi Ahiimelek, sooressitooti hayyootaatii fi Lewwooti jiranutti, sooreyyiin maati'ii tokko tokkoon isaaniituu gudda'aa haga diqqa'aatitti woluma qixxee hujii hujii ifiititti ramadamiisaaf hixaa buufatane.
<- 1 Dabarsi'ii 231 Dabarsi'ii 25 ->
Languages